Tamsaasa Kallatti:

Hiriirri deeggarasaa waamicha Nagaa of keessatti qabate gaggeeffamaa jira

Sadaasa 29/03/2018(TOI)-Bulchiinsa Magaalaa Daseetti Hiriirri Deeggarsaa waamicha nagaa kan of keessatti qabate gaggeeffamaa jira.

Hiriira deeggarsaa kanarratti Jaarsoliin biyyaa, Abbootiin Amantaa, Jiraattonnii fi Kanneen biroon hirmaachaa jiran kun dhaabbilee Amantaa Walloo kibbaan kan qophaa’e ta’uun ibsameera.


 

Hirmaattoni Hiriirichaa, Nageenya waaraa buusuuf qooda keenya ni baana, Misooma keenya waloon itti fufsiisna, tokkummaa keenya ni cimsina, Aadaa Nagaa fi wal- kabajuu keenya itti fufsiisuuf qoodni dhaabilee Amantaa olaanaadha kan jedhanii fi ergaawwan biroo dabarsaa jiru.


 

Bakkeewwan adda addaarraa walitti kan dhufan hiriirtonni kunneen yeroo ammaa gara Istaadiyeemii Hoxeetti imalaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015