Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannoo Oromiyaa magaalota 5 keessatti eegalame babal’isuuf hojjetamaa jira

Sadaasa 28/2018(TOI)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannoo Oromiyaa magaalota 5 keessatti eegalame babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu biiroon Paabiliik sarvisii fi misooma humna namaa naannichaa beeksise.

Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa Daamxoo Gammachuu TOI’f akka ibsanitti, mootummaan naannichaa riifoormii Siviil Sarvisii humna guutuun hojiirra oolchuuf kallattii kaa’eera.

Haala Kanaan riifoormicha hojiirra oolchuuf haala mijataa naannichi qabutti gargaaramuun sanadoota barbaachisan guutuun boqonnaan qophii xumuramee hojiitti galuusaa ibsaniiru.

Keessumaa riifoormichi biiroo paabiliik sarvisii fi misooma humna namaan, Biiroo fayyaan, biiroo barnootaan, biiroo maallaqaa fi walumaa gala waajjiraalee mootummaa shan keessatti hojiirra akka oolu kaasaniiru.

Kanneen keessaa tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tokko yoo ta’u ummata naannichaa bu’aa bayii fi baasii hin mallerraa oolchuun tajaajila si’ataa, ariifataa fi iftoomina qabu kennuuf qooda fudhattoota waliin bal’inaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Riifoormicha guutummaan hojiirra oolchuuf humna namaa leenjiin ga’oomsuu, bu’uraalee misoomaa guutuu, teekinooloojiiwwan hojjechuu fi ijaarsota bal’isuu fi tajaajilamaaf hubannoo uumuun hojiilee ijoo hojjetaman ta’uu obbo Daamxoon ibsaniiru.

Haala Kanaan bara 2018 marsaa jalqabaatiin magaalaawwan Shaggar, Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamannee fi Jimmatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob eegalamuusaa beeksisaniiru.

Tajaajilichi erga eegalamee asitti baatii sadan darban namoonni kuma 180 tajaajila argachuun  itti quufinsi dhibbantaa 95 ol ta’uu qorannoon taasifameen adda baafamuu kaasaniiru.

Bara bajataa kana tajaajilicha itti fufsiisuun magaalaa Shaggariin alatti magaalaawwan gurguddoo 13 keessatti hojichi xumuramee tajaajilli akka kennamu ibsaniiru.

Magaalota Shaakkisoo, Moyyaalee, Shanoo, Najjoo fi Dodolaa akkasumas godinaalee Arsii lamaan, Jimma, Harargee Bahaa fi Shawaa Bahaatti tajaajilli kun hojiirra akka oolu mirkaneessaniiru.

Bara kana naannoo Oromiyaatti walumaa gala magaalaawwan sadarkaa kantiibaan bulan 52 keessatti tajaajilicha guutummaan bal’isuuf hojjetamaa akka jiru kaasanii, fuuldura amma gandaatti kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015