Tamsaasa Kallatti:

Manchistar Siitiin Sandarlaandi mo’achuun sadarkaasaa lammaffaatti guddifate

Sadaasa 27/2018(TOI)- Piriimar Liigii Ingiliz turban 15ffaan Manchistar Siitiin Sandarlaandiin 3 fi 0’n mo’achuun sadarkaasaa lammaffaatti guddifate

Tapha galgala kana Istaadiyeemii Itihaaditti gaggeeffameen Ruban Diyaaz, Joshkoo Givaardiyool fi Fiil Foon  galchii galchaniiru.

Taphataan garee Sandarlaandi Luuk Oniyeen daqiiqaa 95ffaarratti kaardii diimaan dirreerraa baheera.

Manchistar Siitiin Liigichaan yeroo 10 mo’achuun qabxiisaa 31 gahachuun sadarkaa lammaffaa Sandarlaandirraa fudhateera.

Siitiin garaagarummaa qabxuu dursaa garichaa Arsanaal waliin qabu gara lamaatti gadi buuseera.

Gama biraan bara dorgommichaa yeroo afur kan mo’ame Sandarlaandi qabxii 23’n sadarkaa torbaffaa qabateera.

Sagantaalee biroon Bornimaawuz fi Cheelsiin galchii malee wal qixa bahaniiru.

Evertan Notingihaam Forastiin 3 fi 0’n yoo mo’atu Totanihaam Hotisparsi Biriijiin 2 fi 0’ fi Niwukaastil Yunaayitid Barnileeyiin 2 fi 1’n mo’ataniiru.

Galgala sa’aatii 2:30tti Liidsi Yunaayitid Liivarpuul waliin ni taphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015