Astonviilaan Liigicha dursaa kan jiru Arsanaal Mo’achuun sadarkaasaa lammaffaatti guddifateera - ENA Afaan Oromoo
Astonviilaan Liigicha dursaa kan jiru Arsanaal Mo’achuun sadarkaasaa lammaffaatti guddifateera
Sadaasa 27/2018(TOI)- Piriimar Liigii turban 15ffaan Astonviilaan Liigicha dursaa kan jiru Arsanaal 2 fi 1 Mo’ateera.
Tapha Istaadiyeemii Viillaa Paarkitti gaggeeffameen galchii Matikaash daqiiqaa 36ffaarratti galche Astinviilaan akka dursu taasiseera.
Liyaandiroo Tiroosaardi daqiiqaa 52rratti galchuun Arsanaal wal qixa akka ta’u godheera.
Emiiliiyaanoo Bundiiyaa daqiiqaa 52ffaarratti galchuun Astonviilaan akka mo’atu taasiseera.
Arsanaal qabxii 33, Astonviilaan qabxii 30 irratti argamu.