Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti xiyyeeffannoon damee turizimiif kenname baay’ina turizimii dabaluun guddina dinagdee naannichaaf gumaacha taasisaa jira

Sadaasa 27/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti xiyyeeffannoon damee turizimiif kenname baay’ina turizimii dabaluun guddina dinagdee naannichaaf gumaacha taasisaa jiraachuu biiroo aadaa fi turizimii beeksise.

Hooggantoonnii fi hojjettoonni biirichaa, ogeeyyonni miidiyaa, qaamoleen qooda fudhattootaaguyyaa turizimii idil addunyaa ilaalchisuun paarkii biyytaalessaa gaarren Baalee fi bu’uraalee misoomaa Paarkichaan hojjetaman daawwataniiru.

Itti aanaan hogganaa biiroo aadaa fi turizimii naannoo Oromiyaa Salamoon Taammiruu akka dubbatanitti, faayidaa dameen Turizimii qabu hubachuun naannichatti bakkeewwan turizimii garagaraa ijaaruunii fi kanneen buleeyyii beeksisuun madda dinagdeef akka oolu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Dameen kun madda galiin alatti bifa gaarii naannichaa fi biyyaa gama ijaaruutiin gumaacha olaanaa akka qabaatu himaniiru.

Hojiileen hojjetamaa jiran bakkeewwan turizimii uumamaa fi nam tolchee naannichatti argaman duguuganii fayyadamuuf kan gargaaranidha jedhaniiru.

Itti aanaan komishinaraa komishinii Turizimii Oromiyaa Dr. Mitikkee Bitawulinyi gamasaaniin, daandiiwwan, loojiiwwannii fi bu’uraaleen misoomaa biroon gara bakkeewwan turizimiitti hojjetaman baay’inni tuuristii akka dabalu gargaara jedhaniiru.

Komishinichi afaan garagaraa fi tooftaalee beeksisaatti fayyadamuun bakkeewwan turizimii naannichaa bal’inaan beeksisaa akka jiru eeraniiru.

Hogganaan dame turizimii paarkii biyyaalessaa gaarreen Baalee Garramoo Mabraatuu akka dubbatanitti, rakkoo bu’ura misoomaarraa kan ka’e waggoota muraasa dura tuuristiin baay’inaan akka hin dhufne yaadachiisaniiru.

Bu’uraaleen misoomaa xiyyeeffannoo mootummaan kenneen ijaaramaa jiran rakkoolee furaa akka jiran eeranii, kun ammo bayy’ina namoota paarkicha daawwatanii guddisaa jira jedhaniiru.
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015