Kitaabni ogummaa farra riphee lolaa ambaasaaddar Jeneraal Baacaa Dabalee barreessan eebbifame - ENA Afaan Oromoo
Kitaabni ogummaa farra riphee lolaa ambaasaaddar Jeneraal Baacaa Dabalee barreessan eebbifame
Sadaasa 27/2018(TOI)-Kitaabni ogummaa farra riphee lolaa ambaasaaddar Jeneraal Baacaa Dabalee barreessan har’a eebbifameera.
Itaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa waliigalaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, itti aanaan Itaamaajoor shuumii humnoota waraanaa walii galaaJeneraal Ababaawu Taaddasaa fi daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa ambaasaaddar Redwaan Huseen dabalatee keessummoonni garagaraa eebba kitaabichaarratti argamaniiru.
Itiyoophiyaan maanuwaalii farra riphee lolaa sanadeeffame kan qabdu ta’us kan fooyya’e akka hin turre fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa yaadachiisanii, kitaabni “ogummaa farra riphee lolaa” garuu yeroo kan madaaluu fi gaggeessitoota waraanaa barsiisuuf faayidaa olaanaa kan qabudha jedhaniiru.
Ambaasaaddar Jeneraal Baacaa Dabalee kitaaba faayidaa qabeessa kana dubbistootaaf gumaachuunsaanii fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa galateeffachuusaanii odeeffannoon TOI’n miidiyaa onlaayinii ittisaarraa argate nimul’isa.
Kitaabni gaggeessitoonni waraanaa biyya keenyaa barreessan seenaarratti xiyyeeffata, kitaabni “ogummaa farra riphee lolaa” garuu saayinsawaadha kan jedhan fiildi maarshaal Biraanuun kana qabatamaan kan mirkaneessan ammo Jeneraal Baacaadha jedhaniiru.
Kitaabni “ogummaa farra riphee lolaa fuula 187 kan qabuu fi boqonnaa shanitti kan qoodame waa’ee riphee lolaa wantoota ijoo fi muuxannoowwan riphee lolaa idil addunyaa amala riphee loltootaa fi gareewwan shororkeessaa fi maalummaa qophii human waloo farra riphee lolaa kan ibsudha.