Tamsaasa Kallatti:

Baqattoonni biyyoota adda addaa irraa naannoo Affaar dhiyeenya magaalaa Asaayittaa dahannoo keessa jiraatan qabinsi gaariin taasifamaafii jira- Koree Dhaabbii Mana Maree

Sadaasa 27/2018(TOI)- Baqattoonni biyyoota adda addaa irraa naannoo Affaar dhiyeenya magaalaa Asaayittaa dahannoo keessa jiraatan qabinsi gaariin taasifamaafii jiraachuu Koreen Dhaabbataa Hariiroo Alaa fi Dhimma Nageenyaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa ibseera.

Koreen dhaabbiii kuni naannoo sanatti argamuun, haala qabinsa baqattootaa naannahee ilaaleera. Walitti qabaan koree dhaabbii doktar Diimaa Nagoo baqattoonni kaampii keessa jiran qabinsi gaariin taasifamaafii jira jedhani.

Dahannoo kana keessa tajaajilli fayyaa, barnootaa fi tajaajilli hawaasummaa biroo akka jiru eeruun, hawaasa naannoo waliin ta’uun tajaajila biroo irraa fayyadamoo ta’aa akka jiran hubachuu dandeenyeerra jedhan.

Itti aantuu koree walitti qabaa dhaabbii kan ta’an doktar Fatiyaa Mahaadii gama isaaniin, bakka dahannoo baqattoonni Asaayittaa keessa godaantota gosa Affaar kan qaban Ertiraanonni baay’inaan kan argaman ta’uu eeruun,qabinsi isaaniif taasifamaafii jiru gaarii ta’uu ibsaniiru.

Baqattoonni kunneen hawaasa naannoo sanaa wajjin wal baruu qofa osoo hin taane, jireenya hawaasummaa hedduu keessatti hirmaachaa tajaajila gara garaa irraa fayyadamoo ta’uu isaaniis himaniiru.

Itti gaafatamaan Tajaajila Baqattootaa fi baqannaa irraa deebi’uu damee Samaraa obbo Abdurazaaqi Muusaa akka jedhanitti baqattoonni biyyoota ollaa irraa dhufan kuma 61 ol naannicha dawoo keessa jiru.

Kanaafuu Mootummaan Itiyoophiyaa deeggarsa barbaachisu taasisuun baqattoonni fayyadamummaa hawaasummaa fi diinagdee akka argataniif hojjachaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015