Tamsaasa Kallatti:

Ija mootummaa Idamuutiin Biyya jijjiiruun hawaasni fayyadamoo waan ta’eef hojiirra oolchuuf ni tattaafanna

Sadaasa 27/2018(TOI)- Ija mootummaa Idamuutiin Biyya jijjiiruun kallattiin hawaasa fayyadamu hojiirra oolchuuf ciminaan ni hojjenna jechuun hoggantoonni Godina Baalee dubbatan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad mata duree “Ija mootummaa Ida’amuun, Guddina dameelee” jedhuun Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa olaanoon leenjii bal’aa fi gad-fagoon kennamuunsaa ni yaadatama.

Galmoota yeroo leenjii kanarratti xiyyeeffataman qaamolee raawwachiiftuu mootummaatiif bal’inaan ibsuun saffisaa fi Uumuun hojiirra kan oolu akka danda’u cimsanii dubbataniiru.

Dhimma Kanaan wal-qabatee Hoggantoota Godina Baalee TOI’n dubbise yaada kennaniin, kallattiiwwan hojii ministira muummee hoggantootarra darbee biyya jijjiiruu kan danda’anii fi kallattiin uummata fayyadamoo kan taassisan ta’uu kaasaniiru.

Namoota yaada kennan keessaa Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Eeliyaas Mahaammad akka ibsanitti, leenjiin kenname qabeenya Dilbii nannoo keenya jiru sakatta’uun faayidaa hawaasaaf oolchuuf kan gargaarudha.

Keessuma Godinichatti Qonnaan Bulaan hoj-maata baratamaa keessaa bahee gara Makaanaayizeeshiniitti akka ce’uuf qonna kilaasteraa fi innisheetifoota biroof xiyyeeffannoo kennee itti fufuuf carraa kan kennu ta’uu hubachiisaniiru.

Godinichatti yeroo ammaa omisha gannaan hojmata qonnaa fooya’oo hojiirra oolchuun omishni lafa hektaara kuma 528 ol ta’urratti omishamaa jiru agarsiistuu kanaati jedhaniiru.

Milkaa’ina dameelee ilaalchisee leenjiin hubannoon fi kallattiin hojii Ministira muummeen kenname jijiiramaa fi bayyanachuuf murteessaa ta’uu Itti Aanaan Bulchaa Godinichaa Obbo Abrahaam Haayilee dubbataniiru.

Keessumaa qabeenya uumamaa fi humna namaa jiru hirmaachisuun galmoota misooma kaa’aman milkeessuuf leenjiin kenname galaa guddaa akka ta’uufii ibsaniiru.

Godinichatti Daawwannaa hojii kan taassisan Itti Aanaa Waajjira Pirezidaantii Naannoo Oromiyaarraa Dr. Otukaanaa Odaa yaadicha cimsu.

Daawwannaa hojii dirree godinichatti taassifaman mootummaan jireenya qonnan bulaa jijiiruuf inisheetivoonni hojiirra oolaa jiran jijjiirama argamsiisuu eegaluu ibsaniiru.

Akkasumas mikaa’inoonni qabatamoon mul’achaa jiran ilaalamni Ida’amuu Daandii Badhaadhina Itiyoophiyaa kan mul’isu ta’uu dubbataniiru.

Keessumaa hoggantoonni naannicha wiirtuu Qorannoo Qonnaa fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoo waliin qindoomuun jireenya qonnaan bulaa jijiiruuuf tattaaffiin taassisaa jiran muuxannoon kan irraatii fudhatamu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015