Hoggansi ciminaa fi kutannoon hojjechuun, dhaabbileen ergama isaanii sirnaan akka bahatan taasisuutu irraa eegama - ENA Afaan Oromoo
Hoggansi ciminaa fi kutannoon hojjechuun, dhaabbileen ergama isaanii sirnaan akka bahatan taasisuutu irraa eegama
Sadaasa 27/2018(TOI)- Hoggansi ciminaa fi kutannoon hojjechuun, dhaabbileen ergama isaanii sirnaan akka bahatan taasisuutu irraa eegama jedhan itti gaafatamaan waajjiira Paartii Badhaadhinaa damee Beenishaangul Gumuuz obbo Isaaq Abdulqaadir.
Leenjii marsaa 2ffaa " Guddinni Dameelee Ija Mootummaa Ida’amuun, " jedhuun, hoggantoonni leenjifamtoonni sochii hojiilee misoomaa dhaabbilee adda addaa magaalaa Asoosaa daawwataniiru.
Hoggantoonni kunneen Kolleejjii Pooli I teeknikaa Asoosaa fi Ejansii Babal’ina Teeknooloojii Baadiyyaa fi Babal’ina Makaanaayizeeshinii Qonnaa Naannichaa kan daawwatan yoo ta’u, dhaabbileen kunneen yeroo gabaabaa keessatti oomisha mukaa, sibiilaa fi maashinarii oomishaniin galii keessoo isaanii guddisuu danda’aniiru.
Dabalataanis naannichi bu’aalee qonnaa,misooma magariisaa fi leenjii humna namaan milkaa’oo ta’uu ibsameera.
Itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Beenishaangul Gumuuz obbo Isaaq Abdulqaadir TOI waliin turtii taasisaniin akka himanitti, dhaabbileen qabeenya uumamaa naannoo isaaniitti argaman itti fayadamuun meeshaalee adda addaa hojjechaa jiru.
Kunis naannicha baasii irraa kan hambisee fi dandeettii mataa ofiin hojjechuun akka danda’amu kan agarsiisedha jedhan.
Leenjitoonni gaafa gara naannoo dhufanitti deebi’anis, muuxannoo argatan kanaa fi leenjii leenji’an gara qabatamaatti jijjiiruun badhaadhina hunda galeessaaf xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jedhaniiru.
Hoggantoota daawwannaa kanarratti hirmaatan keessaa Chaaltuu Namarraa fi obbo Axaayib Mahaammud hojiin kalaqaa dhaabbilee garagaraa keessatti daawwatan fakkeenyummaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Leenjichi ogummaa qabnu saffisaa fi kalaqaan fayyadamnee hojii misooma bu’a qabeessa ta’e hojjechuun akka danda’amu kan nutti agarsiise dha jedhaniiru.
Hoggantoonni kun daawwannaa isaanii kanaan Giddugala Tajaajila Dhaabbata wiirtuu Tokkoo( Masoob), Golambaa Haaromsa Asoosaa fi Dhaabbata Misooma Qonnaa qindaawaa Fiqaaduu Namarraa fi kanneen biroo daawwataniiru.