Tamsaasa Kallatti:

Hojii bal’aan qulquulinaa fi dhaqqabamummaa tajaajilaa guddisan hojjetamaa jiru

Sadaasa 27/2018(TOI)- Buufata raabsaa tajaajila humna ibsaatti hojiin qulqullina tajaajilaa fooyyessanii fi hanga dhaqqabamummaa babal’isan hedduun hojjetamuu humni ibsaa Itiyoophiyaa beeksise.

Gama biroon baatiiwwan Afran darban humna ibsaa gabaa Alaaf dhihaaterraa galiin doolaarra Miiliyoona 46 ol argamuu ibsaniiru.

Daarektaarri Humna ibsaa Itiyoophiyaa Mogos Mokkonoon TOI’f akka ibsanitti, dhaabbatichi qulqullina tajaajilaa kennuu fi dhaqqabamummaa fooyyessuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa tureera.


 

Kanaanis humna buufataalee dandeettii baachuusaanii guddisuu fi siistamoota to’annoo buufataalee jijiiruun maamiloota dabalataa hojiin akka keessummeessu taasisuu raawwatamuu kaasaniiru.

Akkasumas Tiraanisfoormaroora haarawaa fi humna dabalataa qaban jijjiiruun hojjetamuu eeraniiru.

Kanaanis qulqullina tajaajilaa fooyyessuu fi dhaqqabamummaa babal’isuun fayyadamtoonni rakkoo tokko malee tajaajila akka argatan taassifamaa jira jedhaniiru.

Buufatawwan raabsaa Awaash sabaatti, Walqittee, Kombolcha, Walaayittaa sooddoo, Magaalaa Alam Ganaa fi bakkeewwan birootti argaman siistama to’annoo ammayaawaatti jijiiramuusaanii dubbataniiru.


 

Humni Ibsaa Itiyoophiyaa humna ibsaa omishu irra caalaa tajaajila humna ibsaa Itiyoophiyaaf kan dhiheessu ta’uu Obbo Mogos dabaluun ibsaniiru.

Dabalataanis biyya keessaa humna guddaa kan fayyadaman Industiriiwwan, daandii baaburaa Itiyoo-Jibuutii, dame maayininigii irratti bobba’anii qaamolee kaffaltii doolaaraan kan kaffalaniif akka dhiheessu ibsaniiru.

Gama biroon biyoota Alaa humna ibsaa barbaadaniif kan dhiheessu yoo ta’u irra caalaa Keeniyaa, Jibuutii, fi Taanzaaniyaa akka keessatti argaman ibsaniiru.

Kanaanis bara baajataa 2018 baatiiwwan afran darbanitti keeniyaa, Jibuutii fi Taanzaaniyaatti gurgurtaa dhihaaterraa galiin Doolaara Amerikaa miiliyoona 46 tuqaa 8 argamuu ibsun, kunis haala karooraan dhibentaa 25caalmaa argisiisuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015