Tamsaasa Kallatti:

Ilmaan gaggeessitoota sosochii Paan Afriikaa hidha haaromsaa daawwatan

Sadaasa 27/2018(TOI)- Ilmaan, ilmaan ilmaanii gaggeessitoota sosochii Paan Afriikaa fi hundeeffama gamtaa Afriikaaf gumaacha olaanaa taasisanii har’a hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha daawwataniiru.

Ilmi Paatiriis Lumuumbaa ministira muummee demokiraatiik Rippaabiliikii Koongoo duraanii Lumuumbaa Okiitoo Roolaandi, Ilmi ilma pirezidaantii Gaanaa duraanii Kuwaamee Nukurumaa Melegaa Kiwaamee Toomaas, Ilmi Keeneet Kaawundaa pirezidaantii Zaambiyaa duraanii Kaawundaa Kaawuchee, Ilmi ilma Nelsan Maandellaa pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii Mandellaa Nidiilekaa fi Ilmi Juliyees Nereeree pirezidaantii Taanzaaniyaa duraanii Nereeree GodfireeyMadarakaa daawwannaa kanarratti argamaniiru.


Hidhi haaromsaa ibsituu ofdanda’uu Afrikaa fi qabeenya uumamaa guddinaaf fayyadamuuf kutannoo qabaachuu kan agarsiisu ta’uu daawwattoonni ibsaniiru.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaan mallattoo jijjiiramaa, gootummaa fi birmadummaa Afriikaa akka taatu gochuusaa himaniiru.

Ilmaan gaggeessitoota sosochii Paan Afriikaa kaleessa yaadannoo Injifannoo Adwaa fi egzibiishinii dhaabbataa golambaa Saayinsii kan daawwatan yoo ta’u bu’aalee misoomaa biros nidaawwatu jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015