Piriimar Liigichaan taphni Astonviilaan dursaa Liigichaa Arsanaal waliin taassisu ni eegama - ENA Afaan Oromoo
Piriimar Liigichaan taphni Astonviilaan dursaa Liigichaa Arsanaal waliin taassisu ni eegama
Sadaasa 27/2018(TOI)-Piriimar Liigii Ingilizi torban 15ffaan taphni Astonviilaa fi Arsanaal har’a gaggeessan qalbii jaallattoota kubbaa miillaa hawateera.
Taphni Garee lamaanii har’a guyyaa sa’aati 9:30tti Istaadiyeemii Viilaa Paarkitti gaggeeffama.
Astonviilaan qabxii 27n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu Arsanaal qabxii 33n liigicha durseera.
Leenjisaa lammii Ispeen Unaay Eemireen kan durfamu Astonviilaan taphoota 14 gaggeesseen yeroo 8 yoo mo’atu yeroo sadii mo’ameera.
Tapha hafee biroo hafan 3’n qixa adda baheera.
Taphichaan galchii 20 yoo lakkoofsisu galchii 14 keessummeessee, qabxii 27n sadarkaa 3ffaa qabateera.
Morkataansaa Arsanaal gamasaan dorgomichaan Taphoota 14 gaggeesse keessaa 10 yoo injifatu, yeroo tokko qofa mo’ameera.
Taphoota sadiin qabxii qooddateera.
Galchiiwwan 27 taphoota 14n yoo lakkoofsisu galchiiwwan 7 keessummeesseera.
Leenjisaa Lammii Ispeeniin tapahattoonni durfaman liigicha qabxii 33’n dursaa jiru.
Kilaboonni lameen Piriimar Liigichaan walitti kan dhufan kan ammaa yeroo 61ffaa dha.
Taphoota 60 ammaan dura gaggeessaniin Arsanaal yeroo 39 injifachuun olaantummaa yoo qabatu, AstonViilaan yeroo 13 mo’atee yeroo 8 immoo qixaan baheera.
Arsanaal taphichaan galchii 125n yoo lakkoofsisu Astonviilaan galchii 73 lakkoofsiseera.
Liigichaan yeroo 10 walitti dhufanitti Arsanaal yeroo shan yoo injifatu, Astonviiilaan yeroo sadii mo’eera. Taphoota hafan sadiin qixaan bahaniiru.
Bara dorgommichaatti jalqaba tapha dadhabaa erga argisiisee booda dhaabbii cimaarratti kan argamu Astonviilaan tapha har’aan dursaa garichaa ni qora jedhamee eegama.
Gahumsa cimaarratti kan argamu Arsenaal Taphicharratti dursummaa liigichaa cimsuuf gahumsa olaanaarratti argamuu qaba.
Piiter Baankis nama umurii waggaa 43 tapha eegamu abbaa seerummaan gaggeessu.
Sagantaawwan biroon liigichaan sadarkaa lammaafaarratti kan argamu Maanchistar Siitiin Sandarlaandi waliin Sanbata galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Itihaaditti taphni taasisu ni eegama.
Galagala sa’aatii 2:30tti Liidsi Yunaayitid mo’ataa liigichaa kan yeroo kanaa Liivar puul waliin ni tapahata.
Evertan Notingihaam Foorasti waliin, Niwuukaastil Yunaayitid barnileey waliin , Tootanihaam hootisparsi Bireentifordii waliinii fi Bornimaawuz chelsii waliin yeroo wal fakkaatutti galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu.