Lakkoofsi turistoota Paarkii Biyyoolessaa Gaarreen Baalee daawwatanii dabalaa jira - ENA Afaan Oromoo
Lakkoofsi turistoota Paarkii Biyyoolessaa Gaarreen Baalee daawwatanii dabalaa jira
Sadaasa 27/2018(TOI)-Lakkoofsi turistoota Paarkii Biyyoolessaa Gaarreen Baalee daawwatanii dabalaa jiraachuu waajjirri paarkichaa ibseera.
Yaada Ministirri Muummeen doktar Abiyyi Ahimad maddisiisaniin, daandii fi bu’uuraaleen misoomaa paarkichaaf guutaman baay’inni turistootaa akka dabalu shoora olaanaa bahateera jedhan.
Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee bal'ina iskuweer kiiloo meetira 2,000 ol kan qabu yoo ta'u, bineensota bosonaa fi simbirroota biyya birootti hin argamne hedduu kan qabudha.
Kana malees, paarkiin biyyaalessaa gaarreen Baalee kun hambaa addunyaa ta’ee kan galmaa’e yoo ta’u, bakka argama bineensota akka Gadamsaa, Jeedala Diimtuu, Bosonuu,Qamalee Baalee fi bineensota biroo hedduu fi simbirrootaati.
Akka itti gaafatamaan paarkichaa obbo Shaamil Kadir jedhanitti, bara baajataa kurmaana jalqabaa keessa turistoonni biyya keessaa fi biyya alaa kuma 3 fi 690 paarkicha daawwataniiru.
Daawwattoota kana keessaa dhibbeentaan 45 turistoota biyya alaa ta’uu eeruun, bara darbe yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 17n dabaleera jedhani.
Galiin gama turizimii irraa argamus dabalaa jiraachuu himaniiru. Waldaaleen gurmaa’anii hojjetanis kanarraa fayyadamoo ta’uu eeraniiru. Fakkeenyaaf kurmaana kana keessatti waldaaleen gurmaa’anii gama turizimiin hojjetan, galii miliyoona sagal, kan bara darbee yeroo walfakkaataa waliin gaafa ilaalamu caalmaa miliyoon lamaa qaba jedhan.
Kana malees, galiin paarkichaa kurmaana kana birrii kuma 600 yoo ta’u, kan bara darbee irraa birrii kuma 200 caalmaa qaba jedhaniiru.
Waajjira Tuurizimii godinichaatti dursaa garee misoomaa fi babal’ina turizimii obbo Shibbiruu Abdoo Gaarreen Baalee dabalatee hawwata turizimii godinichaa misoomsuu fi daran beeksisuun galii damicharraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Hogganaa Waldaa Ikoo Tuurizimii paarkii kanaa obbo Mohaammad Kadir akka jedhanitti, bay’inni turistootaa dabaluun hojii kanarraa bu’aa akka argatan isaan gargaareera.
Miseensonni waldichaa turistootaaf tajaajila adda addaa kennuun galii irraa argataniin jireenya isaanii fooyyeffachaa jiraachuu himaniiru.
Paarkicha keessatti miseensa waldichaa ta’ee hojii nageenya turistootaa eegu irratti kan bobba’e jiraataan naannoo sanaa Huseen Kamaal gama isaatiin, mootummaan haala isaaniif mijeessetti gammaduu eeruun, paarkichas akka qabeenya ofiitti tiksaa fi kunuunsaa galii irraa argachaa jirra jedheera.