Tamsaasa Kallatti:

Dhimma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa furuun guddina diinagdee riijinii mirkaneessuu keessatti gahee bakka hin bu’amne qabaata

Sadaasa 27/2018(TOI)- Dhimma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa furuun guddina diinagdee riijinii mirkaneessuu keessatti gahee bakka hin bu’amne qabaata jedhan hayyoonni.

Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dantaa biyyoolessaa biyyattii eegsisuuf, guddina diinagdee dagaagsuuf, nagaa fi tasgabbii ji’oo-siyaasaa naannoo eeguuf dhimma bu’uuraati.

Dhiyeenya kana Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa irraa gaaffii ka’eef deebii fi ibsaa kennaniin akka jedhanitti, biyyi ummata miliyoona 120 qabduu fi guddina ariifataa irra jiru Itiyoophiyaan, gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa gaaffii seeraa, seenaa, haala teessuma lafaa fi diinagdee ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, Itiyoophiyaan gaaffii dhimma ulaa Galaanaa argachuu karaa nagaa fi kennanii fudhachuun,hariiroo dippiloomaasii, seera addunyaa irratti hundaa’een, mari’achuuf ijjennoo ishee irra deddeebitee ibsaa jirti.

Itiyoophiyaan ulaa Galaanaa waggoottan kurnan sadii darban kan mataashee qabdu turte, shiraan irraa mulqabuun ishee sirrii akka hin turre eeruun, gara fuula duraatti gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa deebii akka argatuuf xiyyeeffannoon hojjetamu itti fufa jedhan doktar Abiyyi Ahimad.

Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaatti qorataa kan ta’an doktar Xilahuun Tafarraa Itiyoophiyaan shira irratti dalagameen mirga abbummaa ulaa galaanaa  ishee irraa mulqamuu eeraniiru.

Hayyoonni, dippilomaatonni, ogeeyyiin miidiyaalee fi lammiileen biyya alaa jiraatan, fedhii biyyaalessaa Itiyoophiyaa tilmaama keessa galchuun dhimma mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa irratti hubannoo uumuu akka qaban ibsaniiru.

Gaaffiin mirga abbumma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu eeruun, gara fuula duraatti gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa deebii akka argatuuf hojiin dippiloomaasii cimee hojjetamuu qaba jedhaniiiru.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Imaammataa Itiyoophiyaa, gaaffii mirga abbummaa ulaa galaanaa kanarratti qorannoo dhugaa irratti hundaa’e, ji’oo-siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee irratti qorannoowwan walitti fufiinsaan gaggeessaa akka jirus beeksiseera.

Inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataa dhimma qorannoo Afrikaa doktar Gaashaawu Ayifaraam akka jedhanitti, Itiyoophiyaan abbummaa ulaa galaanaa ishee dhabuun ishee dadhabinsa keessoo fi dhiibbaa alaatiin kan uumame,shira irratti dalagame ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015