Godina wallagga Lixaatti lafti hektaarri kuma 20 ol qonna bonaan Kuduraan misoomaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina wallagga Lixaatti lafti hektaarri kuma 20 ol qonna bonaan Kuduraan misoomaa jira
Sadaasa 27/2018(TOI)-Godina wallagga Lixaatti jallisii qonna bonaan deeggaramuun lafa hektaara kuma 20 ol irratti kuduraawwaniin misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Waajjirichatti ogeessii misooma Jallisii Girmaa Jaalataa TOI’f akka ibsanitti, Godinichatti omishaa fi Omishtummaa Qonnaan Bulaa guddisuun wabiin nyaataa akka mirkanaa’uuf misooma qonna gannaa cinaatti misooma jallisii Boneef xiyyeeffannoon kennameera.
Kanaanis misooma jallisii bonee bara Kanaan lafa hektaara kuma 20 fi 532 kuduraan misoomuu dubbataniiru.
Misoomni jallisii filannoowwan Bishaanii fayyadamuun qonnan bulaan waaggaatti yeroo lamaa fi isaa ol akka omishu deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Jallisii Bonee irraa caalaa Qullubbii Diimaa, Timaatimii , raafuu maraa, Qoosxaa, Qullubbii adii Kaarotii fi kanneen biroon Misoomaa jiraachuu eeruun kanarraas callaan kuntaalli miiliyoona 3 tuqaa 4 ol walitti qabuuf karoorsuu eeraniiru.
Qonnaan bulaan kuma 134 ol Misooma kanarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Misooma jallisii bonee guddisuuf dhiheessiin sanyii filatamaa fi Xaa’oo yeroon qonnaan bulaaf raabsamuu eeraniiru.
Misoomni jallisii bonee fayyadamummaa Dinagdee Qonnaan bulaa guddisuu fi sirna soorataa akka jijiiruuf isa fayyaduu kaasaniiru.
Boqqolloo qonna gannaan omishan walitti qabuun jallisii boneen Goommanaa fi hundee diimaa misoomasaa jiraachuu kan dubbatan immoo qonnaan bulaa Gaarumaa Jaalataa ti.
Ammaan dura bokkaa eeganii omishuusaaniin haalli jireenya isaanii nyaatanii buluurra akka hin ceene ibsuun , waggoota dhihooti asitti garuu jallisii fayyadamuun waggaatti yeroo lamaa fi isaa ol omishuun wabii nyaataasaanii mirkaneessuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaan biroon Hundaa ol Hundumaa gamasaaniin, paampii bishaan harkisu waajjirri qonnaa mijeesseefiin fayyadamuun bishaan naannoosaanii jiru harkisuun kuduraawwan yeroo gabaabaatti gahan misoomsaa jiraachu dubbataniiru.
Jallisii bonee bara darbeen Kuduraawwan adda addaa omishuun nyaatarra darbee gabaaf dhiheessuun galii dabalataa argachuusanii ibsaniiru.
Kanaaf bara kana hojicha babal’isuuf gorsa ogeeyyii Qonnaa hojiirra oolchuun misooma jallisi boneen kaarotii fi Raafuu maramaa misoomsaa jiraachuu dubbataniiru.