Tamsaasa Kallatti:

Giddu galichi damee bunaa irraa bu’aa biyyi argachuu maltu akka argattuuf gahee isaa bahachaa jira

Sadaasa 27/2018(TOI)- Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaatti, Giddu-Galli Qorannoo Qonnaa Jimmaa biyyattiin buna irraa bu’aa malu akka argattu gahee isaa bahataa jiraachuu ibseera.

Daarektarri giddugalichaa obbo Lammii Beeksisaa TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, giddu galichi oomisha bunaa irratti xiyyeeffatee hojjetaa jira.

Haaluma kanaan naannoo bunni itti misoomsamu keessatti wiirtuuwwan xixiqqaa  hundeessuun teeknooloojiin misoomsuu, baay’isuun, tamsaasuun ni hojjetama jedhaniiru.

Hanga ammaatti qorannoodhaan sanyii bunaa kan adda baafamanii sanyii fooyya’aa kennuu danda’an gosa sanyii bunaa 51 fayyadamtootaaf dhiyeessuu himaniiru.

Kunis giddu galichi bu’aa biyyi buna irraa argachuu qabdu akka argattuuf shoora isaa bahachaa jiraachuu kan agarsiisu dha jedhaniiru.

Sanyiin bunaa fooyya’aan argaman kunniin karaa lama ta’uu eeruun, tokko karaa filannootiin yoo ta’u, kan lammaffaa immoo sanyii diqaalomsuun ta’uu ibsaniiru.

Sanyiiwwan diqaalomsuun argaman kunniin 9 yoo ta’an, heektaara tokko irraa hanga kuntaala 26 argachuun akka danda’amu himaniiru.

Giddu galichi teekinloojiiwwan maddisiisuun dabalatatti, sanyiiwwan fooyya’aa baay’isuun waggaa waggaan bifa sanyii fi biqilaan qonnaan bultootaaf raabsaa jira jedhaniiru.

Buna qabeenya biyyaa ta’e, naannolee adda addaa irraa walitti qabuun wiirtuuwwan giddugalicha jala jiran keessatti sanyii bunaa kuma 6 ol oyiruu keessa tursiisuun hojjetamaa akka jirus mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015