Tamsaasa Kallatti:

Biyyee asiidawaa nooraan wal’aanuuniifi xaa’oo uumamaa fayydamuun oomishaafi oomishtummaa guddisuun danda’ameera

Sadaasa 26/2018(TOI)- Biyyee asiidawaa nooraan wal’aanuuniifi xaa’oo uumamaa bal’inaan fayydamuu barsiifata godhachuun oomishaafi oomishtummaa guddisuun cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Qonnaa beeksise.

Ministeera Qonnaatti hojii gaggeessaa olaanaa misooma qabeenya biyyee Liiree Abiyoo turtii TOI waliin taasisaniin, oomishtummaa midhaanii guddisuuf tattaaffii taasifamu keessatti biyyee eeguufi kunuunsuun dhimma murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti biyyee asiidawaan oomishtummaa irratti miidhaa guddaa fida jedhaniiru. Keessattuu naannoon Oromiyaa,Sidaamaafi Giddu galeessi Itiyoophiyaa akkasumas naannooleen biroo biyyee asiidawaan hubamaniiru jedhan. Akka biyyaatti hojiin biyyee asiidawaa nooraan wal’aanuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.


Gama biraatiin, naannoo goginsi mudatutti mala kuusa bishaanii tekinooloojiin fayyadamuun asiidawaa biyyee ittisuun bal’inaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Teekinooloojii kana irraas qonnan bultoonni fayyadamaa ta’aa jiraachuu eeraniiru.

Mala kuusa bishaanii teekinooloojii fayadamuun fakkeenyummaa gaarii kan qaban, Benishaangul Gumuuz, naannoo Kibba Itiyoophiyaafi naannoo Kibba Lixa Oromiyaa dha. Hojiileen gaaarii milkaa’ina qabu kuni immoo naannoolee birootti akka babal’atuuf hojiin muuxannoo waljijjiiruu hojjetamaa jira jedhaniiru.


Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota torban darban keessatti hojiirra oolee, fi tattaaffiin kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifame, gabbina biyyeef gumaacha olaanaa akka taasisaa jiru hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015