Piriimiyeer Liigii dubartootaa Itiyoophiyaan Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Magaalaa Finfinnee injifachuun sadarkaasaa gara 2ffaatti ol guddiseera - ENA Afaan Oromoo
Piriimiyeer Liigii dubartootaa Itiyoophiyaan Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Magaalaa Finfinnee injifachuun sadarkaasaa gara 2ffaatti ol guddiseera
Sadaasa 26/2018(TOI)- Piriimiyeer Liigii dubartootaa Itiyoophiyaa sagantaa torban 10ffaan Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Magaalaa Finfinnee 4 fi 0 injifatera.
Tapha Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameen Raadi’eet Asressaahenyi galchii 2 yoo lakkoofsistu Itsagannat Girmaa fi Mirriqaat Fallaqaa galchiiwwan hafan biroo lakkoofsisaniiru.
Injifataan liigichaa bara kanaa baankiin Daldala Itiyoophiyaa injifannoo 7ffaa galmeessisuun taphni 2 osoo isa hafuu qabxii 22n sadarkaasaa 4ffaa irraatii gara 2ffaatti guddiseera.
Faallaasaan liigichatti yeroo 8 kan mo’ame Magaalaan Finfinnee qabxii 4n sadarkaa dhumaa 14ffaa qabateera.