Bu’aan Nageenyarraa argamu kumaa fi kitila - ENA Afaan Oromoo
Bu’aan Nageenyarraa argamu kumaa fi kitila
Sadaasa 26/2018(TOI)-Bu’aan nageenyarraa argamu hedduu fi injifannoon qaama hundaa kan itti mirkanaa’u waan ta’eef kanneen biroonis filannoowwan nageenyaa hordofuu qabu jechuun barreessaa olaanaan Mana maree Amantaa Itiyoophiyaa LiqaTiguhan Qesis Taagaayi Taaddalaa ibsan.
waliigalteen nagaa bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Faannoo gidduutti kalessa mallattaa’e nageenya fulla’aa fi Aaragalfii ummata naannichaaf kan fidu ta’uu dubbataniiru.
Waliigalteen nageenyaa fulla’aa kana Bulchaa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa fi Faannoo Amaaraa bakka bu’uun Kaappiteen Maasrashaa Saxxee kaleessa waliif mallatteessuun isaanii ni yaadatama.
Barreessaa olaanaan Mana maree Amantaa Itiyoophiyaa LiqaTiguhan Qesis Taagaay Taaddalaa waliigaltee nageenyaa fulla’aa ilaalchisuun TOI’f akka ibsanitti, waliigalteen nagaa kun hundaaf boqonnaa kan kennudha.
Manni maree dhaabbilee Amantaa walitti bu’insi akka dhaabbatuu fi rakkooleen mariin akka furamuuf tattaaffii mataasaa taasisaa turuu ibsaniiru.
Walii galteen nagaa Mootummaa naannoo Amaaraa fi Faannoo gidduutti amma taassifame nageenya buusuu kan danda’uu fi uummanni nagaan bahee akka galuu fi akka hojjetuu kan tasisudha jedhaniiru.
Manni marichi walii galtee nagaa fulla’aa kanaaf gammachuu itti dhagahame ibsuun, walii galtichi rakkoowwan marii karaa nagaan furuuf qooda olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Naannichatti bakkeewwan adda addaatti sochiiwwan Hawaasummaa fi Dinagdee danqamanii turan idileen akka socho’aniif haala mijataa akka uumu ibsaniiru.
Bu’aan nageenyarraa argamu hedduudha kan jedhan Barreessaa olaanaan kun, waan hundaaf nageenya filannoo duraa gochuun sirrii ta’uu ibsaniiiru.
Walii galtichi nagenya fulla’aa buusuuf jalqabbii gaarii ta’uu kaasuun, hojiirra oolmaa walii galtichaa fi nageenya fulla’aaf qaamni hundi qoodasaa bahuu akka qabu dubbataniiru.
Kanneen biroon hafanis walii galtee nagaa kana hordofuu akka qaban ibsuun, filannoosaanii daandii nagaa fi yaada qofa ta’uu akka qabu dubbataniiru.
Walitti bu’insa caalaa marii fi olaantummaa yaadaan hordofuun bu’aa baraa baratti ce’uu akka fidu eeruun daandiin walii galtee nagaa qaama hunda injifataa akka taassisu eeraniiru.
Barreessaa olanaan kun Gamtaan Afriikaa fi IGAD walii galtee nagaa mallatteessuuf haala mijeessuuf tattaaffii taassisaniif galateeffataniiru.
Mootummaa Federaalaa fi Mootummaan naannoo Amaaraa qaamolee naannichatti hidhataanii socho’an gara nagaatti akka dhufaniif deddeebi’anii wamicha taasisaa turuunsaanii ni yaadatama.