Naannichatti malaanmaltummaafi hojmaata badaa ittisuuf hojiin qindoominaa hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti malaanmaltummaafi hojmaata badaa ittisuuf hojiin qindoominaa hojjetamaa jira
Sadaasa 26/2018(TOI)- Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti malaanmaltummaa fi hojmaata badaa ittisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu af-yaa’iin mana maree naannichaa ibsaniiru.
Sagantaan goolabaa guyyaa Farra Malaammaltummaa 22ffaa akka Addunyaatti, yeroo 21ffaaf immoo akka Itiyoophiyaatti mata duree "dhaloota namuusaan, dhaabbilee hojimaataan" jedhuun kabajame, magaalaa Asoosaatti gaggeeffameera.
Waltajjii kana irratti kan argaman af-yaa’iin mana maree naannoo Benishaangul Gumuuz aadde Askaalech Albooroo,rakkoo maalaanmaltummaafi hojmaata badaa ittisuuf hojiin qindoominaa hojjetamaa jira jedhani.
Kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee naannichaa ammayyeessuun tajaajila gahumsaa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’e kennuudhaaf tattaaffiin taasifamaa ture cimee itti fufuu ibsaniiru.
Yeroo dhiyoo as tajaajilli wiirtuu tokkoo (MESOB) hojii eegaluun isaa milka’ina kanaaf jalqabbii gaarii ta’uu eeruun, gara fuula duraatti kana babal’isuun cimee itti fufa jedhaniiru.
Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Kamaal Hasan akka jedhanitti, malaanmaltummaan farra dhalootaafi gufuu guddina biyyaa waan ta’eef dhaloota malaanmaltummaa jibbuufi balaaleffatu uumuu qabnaa dhaamaniiru. Kana milkeessuufi dhaabbilee amantaa,manneen barnootaa fi dhaabbilee tumsitootaa biroo waliin ta’uun hojjetamaa kan jiru ta’uu eeruun, gara fuula duraattis cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.