Tamsaasa Kallatti:

Ija Mootummaa Ida’amuun, tumsa cimaa fi tokkummaan guddinaa fi badhaadhina waloof ni hojjenna-Hoggantoota Olaanoo

Sadaasa 26/2018(TOI)-Ija Mootummaa Ida’amuun, tumsa cimaa fi tokkummaan guddinaa fi badhaadhina waloof ni hojjenna jedhan hoggantoonni Olaanoo naannoo Hararii.

Muummeen Ministiraa doktar Abiyyi Ahimad mata duree "Ija Mootummaa Ida’amuun, Guddina Dameelee" jedhuun hoggantoota olaanootiif leenjii fi kallattii hojii kennuun isaanii ni yaadatama.

Ibsa isaaniin, galma mootumma ida’amuu bal’inaan ibsuun, hirmaannaan hoggantootaa sadarkaan jiranii fi lammiilee milkaa’ina isaaf cimani hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Qaroomina Itiyoophiyaa duriifi mul’ata ishee gara fuula duraatti jiru tilmaama keessa galchuun,mootummaa ida’amuun, ariitiin, kalaquu, baay’isuu fi ilaacha qulqulleessuu qabachuun, hojjechuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.


 

Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hooggantoota naannoo Hararii garagaraa dubbisuun hoggantoonni leenjii fudhatan hojiirra oolchuuf fedhiin jiru maal akka fakkaatu gaafateera. Hoggantoonni kunniinis ija mootummaa ida’amuun tumsa cimaafi tokkummaan Itiyoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuuf kutannoon ni hojjenna jedhani.

Komishinarri Komishinii Karooraa fi Misooma Naannichaa obbo Ibsaa Ibraahim mootummaan Ida’amuu hiyyummaa irra aanuuf tumsa cimaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.


 

Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Naannichaa Abiyyi Abbabaa akka jedhanitti, ija mootummaa ida’amuun jijjiirama bu’uuraa fi fayyadamummaa qonnaan bultootaaf xiyyeeffannoon addaa kennamee bu’aa oloaanaan galmaa’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015