Godinichatti Paampiin Motora bishaan harkisu 898 Jallisii Boneef oolu Horsiisee bulaaf raabsame - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Paampiin Motora bishaan harkisu 898 Jallisii Boneef oolu Horsiisee bulaaf raabsame
Sadaasa 26/2018(TOI)-Godina Boorana Bahaatti Misooma jallisii bonee milkeessuuf kan gargaaru paampiin motoraa horsiisee bulaaf raabsamuusaa Waajjirri jallisii fi horsiisee bulaa Godinichaa ibse.
Waajjirichatti dursaan garee Waldaa Fayyadamtoota Bishaan Jallisii fi hirmaannaa ummataa Obbo Huuqaa Boruu akka jedhanitti, Misooma qamadii jallisii bonaa babal’isuun wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.
Biiroon jallisii fi horsiisee bulaa Naannichaa Godinichatti Misooma Jallisii Bonee milkeessuuf paampii Motoraa bishaan harkisu birrii miiliyoona 52 tuqaa 5 baasu deeggarsaan kennuu dubbataniiru.
Godinichatti Aanaawwan roobni itti hir’atuu fi gammoojjiitti misooma jallisii bonee milkeessuuf paampii motoraa bishaan harkisu kuma 1 dhihaate keessaa hanga ammaatti 898 horsiisee bulaa waldaan gurmaa’aniif raabsamuusaa beeksisaniiru.
Deeggarsi paampii motora bishaanii Horsiisee bulaan jallisiin Qamadii, kuduraawwanii fi biqiloota hundeensaanii nyaatamu adda addaa misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi fayyadamummaa dinagdeesaanii akka guddisan kan isaan taassisu ta’uu hubachiisaniiru.
Waajjira Qonnaa Godinichatti, ogeessi Misooma Midhaanii Obbo Bonayyaa Goolloo wabii nyaataa Mirkaneessuuf misooma midhaanii gannaa cinaatti teekinooloojiiwwan hojii misooma jallisiif deeggarsaan kennameeraaf jedhaniiru.
Godinichatti Aanaawwan Gammoojjii 4tti lafa hektaara kuma 24 ol misoomni jallisii Bonee gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Aanaawwan gammoojjii hanqinni rooba jirutti misooni jallisii Wabii nyaataa horsiisee bulaa mirkaneessuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Godinichatti misoomni jallisii bishaan lafa keessaan horsiisee bulaan kuma 21 ol hirmaachuusaanii ibsaniiru.
Godinichatti Jiraataan Aanaa Liiban ganda Maddoo Obbo Jamaal Huseenii fi hiriyyoonnisaanii misooma jallisii boneen paambii motora bishaanii fudhataniiru.
Waggoottan sadan darban jallisii boneen fayyadamuun qamadii, kuduraalee fi kanneen biroo misoomsuun fayyadamoo ta’uu kaasaniiru.
Deeggarsi paampii motora bishaan harkisu misoomasaanii haala foyya’aan guddisuuf akka isaan deeggaru ibsaniiru.
Paampiin motora bishaanii lafa bal’aa jallisiin misoomsuuf kan hin baratamne ta’uu ibsaniiru.
Jiraataan gandicha biroon Mahaammad Saanii misoomni jallisii bonee naannoosaaniitti kan hin baratamne akka ture ibsaniiru.
Yeroo ammaa maarii fi deeggarsa ogeeyyi qonnaan jallisiin kuduraa fi biqiloota ada addaa hundeensaanii nyaatamu misoomsuun nyaatarra darbuun gabaaf dhihesuun fayyadamoo ta’uusaanii ibsaniiru.