Tamsaasa Kallatti:

Sirni dijitaalaa galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa, jiraattonni tajaajila ammayyaa fi si’ataa akka argatan gargaara

Sadaasa 26/2018(TOI)- Sirni dijitaalaa galmee siviilii fi tajaajilaa qindaa’aa jiraattotaa, jiraattonni tajaajila ammayyaa fi si’ataa akka argatan gargaara jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech Abeebee sirna dijitaalaa galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa qindaa’aa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Itiyoophiyaan hojjetame har’a hojii eegalchiisaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, sirni dijitaalaa kun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun tajaajilamtoonni tajaajila si’ataa fi ariifataa akka argatan gargaara.

Kenniinsa tajaajila galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa Kanaan dura ture guutummaatti kan jijjiiru ta’uu ibsaniiru.

Sirni dijitaalaa kun dandeettii dorgommii idil addunyaa magaalaa Finfinnee kan guddisu ta’uu kaasuun, Sadaasa 29 bara 2018 irraa eegalee aanaalee 50 keesatti hojiirra ooluu eegala jedhaniiru.

Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Dr Warquu Gaachanaa, guddina biyyaa mirkaneessuuf teeknooloojii faayidaarra oolchuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan guddina hunda galeessaa fi si’ataa galmeessisaa akka jirtu ibsanii, gama hubannoo nam tolcheetiin jijjiirama guddaa galmeessisaa jirti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015