Paartileen siyaasaa milkaa’ina Marii Biyyoolessaaf gumaacha taasisaa jiran cimsanii itti fufuu qabu-Komishinara Olaanaa Pirofeesar Masfin Ara’ayaa - ENA Afaan Oromoo
Paartileen siyaasaa milkaa’ina Marii Biyyoolessaaf gumaacha taasisaa jiran cimsanii itti fufuu qabu-Komishinara Olaanaa Pirofeesar Masfin Ara’ayaa
Sadaasa 26/2018(TOI)- Paartileen siyaasaa milkaa’ina Marii Biyyoolessaaf gumaacha taasisaa jiran cimsanii itti fufuu akka qaban Koomishinarri Olaanaa Marii Biyyoolessaa Pirofeesar Masfin Ara’ayaa waamicha dhiyeessani.
Paartiin Izeemaa ajandaa isaa komishinii marii biyyoolessaaf dhiyeesseera.
Dura taa’aan paartichaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa fi hoggantoonni biroo ajandaawwan isaanii komishinaroota Komishinii Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessaniiru.
Komishinarri olaanaa komishinii Marii Biyyoolessaa piroofeesar Masfin Ara’aayaa, ajandaawwan marii biyyoolessaa paartiilee siyaasaa garagaraa irraa fuudhuu himaniiru. Paartiin Izeemaa erga komishinichi hundeeffamee jalqabee adeemsa kana deeggaraa jiraachuu eeraniiru. Paartichi ajandaawwan qindaa’an waan dhiyeesseef galateeffatanii,ajandaan isaan dhiyeessan kunis gara fuula duraatti hojiirra oola jedhaniiru. Adeemsa marii kana kan ibsan Komishinarri olaanaan, adeemsichi akka milkaa’uuf gara fuulduraatti tumsi paartilee akka barbaachisu ibsaniiru.
Dura taa’aan paartii Izeemaa piroofeesar Biraanuu Naggaa gama isaaniin,Mariin Biyyoolessaa rakkoolee biyya keenyaa hundeen furuu keessatti shoora olaanaa qabachuu himuun, paartiin isaaniis hojiilee komishiniin Marii Biyyoolessaa gaggeessu deeggaruuf kutannoo guutuu qabaachuu himaniiru.
Komishinichi ibsa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf ergeen, Izeemaan walgahii marii bulchiinsa magaalaa lamaa fi naannolee 11 keessatti gaggeeffame irratti bal’inaan akka hirmaate beeksiseera.