Daandiin nageenyaa yoomiyyuu mo’ataadha-Ministeera nageenyaa - ENA Afaan Oromoo
Daandiin nageenyaa yoomiyyuu mo’ataadha-Ministeera nageenyaa
Ministeerri nageenyaa ibsa haala yeroorratti baaseen, mootummaan rakkoolee nu mudataniif marii fi waliin dubbachuun daandii filannoo tokkicha ta’uusaanii fi kanaaf ammo kutannoo akka qabu irra deddeebi’ee agarsiisuusaa ibseera.
Humnoonni Kanaan dura huma filatanii socho’aa turan daandii nagaa filachuun gara nagaatti wayita dhufan mootummaan karaa walakkaa ol deemee simachuun kutannoo qabu agarsiiseera jedheera.
Daandiin kun filannoo tokkicha sirna nagaa, haqaa fi fayyadama waloo biyya keenyatti mirkaneessu ijaaruuf kan dandeessisu ta’uunsaa amantaa mootummaa ta’uu ibseera.
Ka’umsa Kanaan qaamoleen naannoo Amaaraatti Kanaan dura filannoo humnaatti fayyadamanii socho’aa turan filannoon humnaa nageenya ummata keenyaa fi biyyaalessaaf faayidaa akka hin qabneamanuun gara daandii nageenyaatti dhufuun murtoo cimaa taasisaniiru jedheera ministeerichi ibsa baaseen.
Filannoon karaa nagaa kin hunda keenya mo’ataa waan nu taasisuuf ministeerichi tarkaanfii cimaa mootummaan biyyaalessaa naannoo Amaaraa fi Faannoon fudhataniif dinqisiifannaa qabu ibseera.
Gama biraatiin ammas taanaan qaamni gaaffii kamiyyuu qabu deebii argachuuf furmaanni tokkichi hunda mo’ataa kan taasisu daandii nagaa waliin dubbachuu fi mari’achuu irratti hundaa’e ta’uu amanuun filannoo humnaa boodatti hafaa ta’e filachuun qaamonni socho’an daandii nagaa walfakkaataa akka filatan ministeerichi waamicha dhiheesseera.