Tamsaasa Kallatti:

Ilmaan Gaggeessitoota sosochii Paan Afriikaa yaadannoo injifannoo Adwaa daawwatan

Sadaasa 26/2018 (TOI)-Ilmaanii fi ilmaan ilmaansaanii hoggantoota Afriikaa hundeeffama gamtaa Afriikaa fi sosochii paan Afriikaaf gumaacha guddaa taasisan yaadannoo injifannoo Adwaa daawwataniiru.

Hambaalee waliigalaa ibse taasifameeraaf godambaa kana keesa jiran ilaalchisee daawwannicharratti ibsi taasifameeraaf.

Ilmi Ministira muummee demokiraatiik Rippaabiliikii Koongoo duraanii pPaatriis Lumumbaa, Intala pirezidaantii Gaanaa kan jalqabaa Kuwaamee Nukuruhamaa, Ilma ilmaa Kuwaamee Nukuruhamaa, Ilma pirezidaantii Zaambiyaa duraanii Keneet Kaawundaa, ilma ilmaa pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii Nelsan Mandeellaa  fi ilma pirezidaantii Taanzaaniyaa jalqabaa Juliyees Nereeree daawwannaa kanarratti hirmaataniiru.

Akkasumas Ilmi qabsaawaa farra Apaartaayidii lammii Afriikaa kibbaa fi ministira kan turan Istiiv Biikoo , Intalli qabsaawaa farra appaartaayidii fi ministira kan turan lammii Afriikaa Kibbaa Waltar Siisuluu, Intalli pirezidaantii Kongirasii biyyaalessaa Afriikaa (ANC), nama siyaasaa farra appaartaayidii fi aktiivistii Pliivar Taamboo fi kanneen biro argamaniiru.

Daawwattoonni kunneen dabalataanis masaraa biyyaalessaa, Godambaa Saayinsii fi hojiilee misooma kooriidaraa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran akka daawwatan ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015