Godina Wallaggaa Lixaatti faayidaa damicharraa argamu guddisuuf qabeenya albuudaa misoomsuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallaggaa Lixaatti faayidaa damicharraa argamu guddisuuf qabeenya albuudaa misoomsuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
Sadaasa 26 2018(TOI)-Godina Wallaggaa Lixaatti faayidaa damicharraa argamu guddisuuf qabeenya albuudaa misoomsuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu waajjirri misooma albuudaa godinichaa hime.
Itti gaafatamaa waajjirichaa obbo Daagim Malaakuu TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, godinichatti akaakuun albuudota adda addaa 27 ol akka argaman ibsaniiru.
Keessumaa warqeen, koopparii, maarbilii, dhagaa gurraachaa fi kuufama gosoota albuudota hedduutu jiru jedhan.
Albuudota jiran misoomsuun, bu’aalee achirraa argaman guddisuuf gosoota albuudotaa jiran beeksisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Hojii kana milkeessuufisdureeyyii hawachhuun, hojmaata mootummaa si’ataa ta’e diiriirsuun hojjetamaa jira jedhaniiru.
Itti dabaluunis qabeenya albuudaa naannicha keessaa misoomsuun hawaasa fayyadamaa gochuu qofa osoo hin taanee, carraa hojii uumuun shoora olaanaa bahata jedhan.
Bara baajataa kanatti waldaalee dhuunfaa 12 fi dhaabbata dhuunfaa tokko albuuda warqee qotuun baasan damee kanarratti bobba’uu barbaadaniif eeyyamni kennameera jedhan.
Dandeettii diinagdee damee albuudaa guddisuun bara bajataa kana keessatti galii birrii miiliyoona 9 walitti qabuuf kan karoorfame ta’us, ji’oota afran darban qofa keessatti birrii miiliyoona 15 argachuun danda’ameera jedhan.
Damee kanaan namoota gara kuma 2 fi 100 ta’aniif carraan hojii dhaabbataa fi yeroo kan uumame ta’uu eeruun, gahumsa damichaa guddisuuf tattaaffiin qindoominaa fi haaromsaa eegalame cimee akka itti fufu beeksisaniiru.
Godinichatti warqee mala aadaan baafamu gara ammayyaatti jijjiiruuf xiyyeeffannoon kennamee hojetamaa jira jedhaniiru.
Jijjiirama biyyoolessaa hordofuun mootummaan diinagdee adda addaa irratti xiyyeeffachuun damicha haaromsuuf gumaacha taasise bu’aa argamsiisaa jira jedhaniiru.