Piriimiyer liigii Itiyoophiyaa Torban 9ffaan har’a eegala - ENA Afaan Oromoo
Piriimiyer liigii Itiyoophiyaa Torban 9ffaan har’a eegala
Sadaasa26/2018(TOI)-Piriimiyeer liigii Itiyoophiya torban 9ffaan oolmaasaa guyyaa jalqabaan taphoonni lama gaggeeffamu.
Guyyaa sa’aatii 9:00 irratti walaayittaa diichaan Midiregennet shiree waliin Istaadiyeemii finfinneetti taphatu.
Walaayittaa Diichaan taphoota liigichaa 5 darbanitti yeroo 1 qofa injifateera.
Yeroo tokko yoo mo’amu yeroo sadii qixa baheera.
Taphichaan galchii 6 yoo lakkoofsisu galchii sadii keessummeesseera.
Garichi qabxii 6n sadarkaa 17ffaa qabatee sadarkaa gad-bu’aa keessatti argama.
Morkataansaa midire gannetShireen taphoota shan darbaniin yeroo lama yoo injifatu , haaluma walfakkaatuun yeroo lama mo’ameera.
Tapha tokko hafe qabxii qooddateera.
Galchii 6 yoo lakkoofsisu galchii 5 keessummeesseera.
Midiregennet Shireen qabxii 12n sadarkaa 9ffaa qabateera.
Sagantaa biroon Madin Itiyoophiyaan Itiyoo Elektirikii waliin guyyaa sa’aatii 10:00 istaadiyeemii Yuunvarsiistii Hawaasaatti taphatu.
Injifataan Liigicha yeroosanaa Madin Itiyoophiyaan Taphoota shan darban keessaa injifachuu kan danda’e yeroo tokko qofa .
Yeroo sadii yoo mo’amu tapha tokko hafe qixa baheera.
Taphichaan galchii 3 yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera.
Madin tapha sirreeffamaa jijiiree qabxii 8n sadarkaa 15 irra taa’eera.
Morkataansaa Itiyoo -elektiriik gamasaan taphoota shan darbaniin 2 mo’atee tokkoon mo’amee , 2 qixaan adda baheera.
Taphichaan galchii lama yoo lakkoofsisu haaluma wal fakkaatuun galchii lama keessummeesseera.
Itiyoo Elektirik qabxii 15n sadarkaa 4ffaa qabateera.
Piriimiyer liigii Itiyoophiyaa Torban 9ffaan hanga sadaasa 28 bara 2018 ni tura.
Bunni sidaamaa Liichicha qabxii 19n dursaa jira.
Walaayittaa diichaa, maqalee sabaandartaa , magaalaan Aarbaamincii fi walwaloo adda giraat yuunvarsiitiin sadarkaa 17ffaa hanga 20ffaa qabachuun sadarkaa gad-bu’aa keessatti argamu.