Maanchistar Yunaayitid fi Weestihaam Yunaayitid qixa ba'an - ENA Afaan Oromoo
Maanchistar Yunaayitid fi Weestihaam Yunaayitid qixa ba'an
Sadaasa 26/2018(TOI) -Tapha xumuraa Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 14ffaa irratti Maanchistar Yunaayitid fi Weestihaam Yunaayitid tokko wal qixa bahan.
Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Oolditiraafoorditti gaggeeffameen daqiiqaa 58ffaa irratti Diyaagoo Daaloot kubbaa galchuun Maanchistar Yunaayitid akka dursu taasiseera.
Kubbaa Saawungootuu Magaasaan daqiiqaa 83ffaa irratti galcheen Weestihaam qixa ta’uu danda’eera.
Tapha kana irratti tapha taphateen kan dursu ture Maanchistar Yunaayitid dursummaa isaa eeggatee bahuu hin dandeenye.
Maanchistar Yunaayitid qabxii 22n sadarkaa 8ffaa qabateera.
Morkataan isaa Weestihaam Yunaayitid qabxii 12n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, sadarkaa gadi aanaa keessa jira.