Itiyoophiyaan waltajjii miidiyaa guddaa keessummeessuun ishee kabaja olaanaa agarsiisa-Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan waltajjii miidiyaa guddaa keessummeessuun ishee kabaja olaanaa agarsiisa-Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Sadaasa 26/2018(TOI)- Itiyoophiyaan biyyootaa fi magaalota Afrikaa hunda keessaa filatamtee waltajjii miidiyaa guddaa kana keessummeessuun ishee kabaja olaanaa agarsiisa jedhe tajaajilli komunikeshinii mootummaa.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa sirna badhaasaa Paan-Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffame ilaalchisee ibsa kenneera.
Waltajjiin kuni, Teessoo Gamtaa Afrikaa fi dippiloomaasii Idil-Addunyaa kan taate magaalli Finfinnee biyyoota Afrikaa keessaa magaalaa waltajjii gurguddoo keessummeessuuf mijattu ta'uun ishee irra deebiin kan itti mirkaneesse ta’uu ibseera.
Magaalaan Finfinnee waltajjii guddaa kana keessummeessuun injifannoo guddaa kan ittiin boonnu dha jechuun ibseera.
Badhaasaa Miidiyaa Afrikaa 2025 kana akka keessummeessitu kan filatamte, akkanumaan osoo hin taanee, guddina sadarkaa idil addunyaatti madaalu galmeessaa jiraachuu isheen ta’uu ibseera.
Filannoo kanaaf sababni guddaan magaalattiin waggoota dhiyoo asitti jijjiirama ariifachiisaa fi jijjiirama damee hedduun galmeessifte ta’uu eeruun, dabalataan guddina magaalota idil-addunyaa wajjin kan wal madaalu galmeessisuu isheeti jechuun ibseera.
Bu’uuraaleen misoomaa waggoottan lamaan darban keessa hojjetaman Gaazexeessitoota guutuu Afrikaaf, hojii miidiyaa fi hoggantoota siyaasaaf bakka walga’ii filatamtuu ta’uu ibseera.
Itiyoophiyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa fi utubaa seenaa Paan Afrikaanizimii ta’uu himeera. Kanaaf sagantaa guddaa kana qopheessuuf filatamuun ishee adeemsa sirrii akka ta’e hime.
Badhaasni kunis fedhii Afrikaa bu’uura godhachuun kan qophaa’e ta’uu eera ibsa isaatiin.
Ogeeyyiin miidiyaa 800 biyyoota 40 irraa walitti babba’an saganticharratti gosoota adda addaan kan hirmaatan yoo ta’u,kunis beekkamtii fi abdii miidiyaaleen Afrikaa idil addunyaa irratti qaban agarsiisa jedheera.
Miidiyaan guddinaa fi kufaatii hawaasaa murteessuu keessatti humna guddaa qabaachuu ibseera. Keessattuu seenessa dogoggoraa alaa itti fe’aman sirreessuun eenyummaa Afrikaa isa sirrii gabaasuu qabu jedhe ibsi kuni.
Badhaasni kun Gaazexeessummaa, Biroodkaastingii, Miidiyaa Diijitaalaa fi ijaarsa seenessaan hojiilee fakeenyummaa qaban kanneen hojjetaniif beekamtii kan kenne waltajjii guddaa ta’uu himeera.
Kaayyoo olaanaan waltajjichaa Afrikaanoonni waa’ee eenyummaa isaanii karaa sirriin akka seenessaan carraa uumuu ta’uu himeera.
Hanqina kalaqaa damee miidiyaan mul’atu furuun sadarkaa ogummaa caalmaatti guddisuu ta’uu ibse.
Ogeeyyii miidiyaa Ardichaa guutuu walitti qabuun, beekumsa, ogummaa fi tumsa waliinii cimsuudha jedheera.
Kanaaf mootummaan dameen miidiyaa bu’uura ijaarsa sirna diimokiraasii fi misooma biyyoolessaa ta’uu isaan tumsa hundagaleessa taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.