Dhaloota Seenaa Hiyyummaa Itiyoophiyaa xumurru ta’uu qabna- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Dhaloota Seenaa Hiyyummaa Itiyoophiyaa xumurru ta’uu qabna- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sadaasa 26/2018(TOI)-Milkaa’inoota damee hundaan jiran guddisuunii fi dhimmuun hojjechuun dhaloota seenaa hiyyummaa Itiyoophiyaa xumursiisnu ta’uu qabna jechuun ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Mata duree “guddina dameelee, ija mootummaa Ida’amuutiin” jedhuun hoggantoota olaanoo paartii Badhaadhinaaf leenjii kennaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad wayita kana akka jedhanitti dhaloonni Ida’amuu Daandii gara badhaadhinaatti geessuudha.
Mootummaan Ida’amuu mootummaa Badhaadhina biyyaaf Abbaa waadaa ta’ee, baay’ee baatee, baay’ee dadhabee fi baay’ee dhimmee itti gaafatamummaa ceessisuu qabudha jedhaniiru.
Hogganaa ta’uun itti gaafatamummaa guddaadha kan jedhan Ministirri Muummee hoggantoonni Qormaataan Osoo hin gufatiin ceessisuuf itti gaafatamummaasaanii sirnaan bahachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.
Sektarri hundi walitt hidhamiinsa dameelee hedduutiin hunduu wal deeggaruun imala gara qaroominaatti taassifamu saffisiisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Yaada akka sanyii akka ka’umsaatti fudhachuun birmadummaa yaadaarratti hojjechuun bu’uura badhaadhinaa ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbilee wal keessa galchuun walitti hidhaminsa uumuun murteessaa ta’uu eeruun, yaadonni, namoota dhuunfaa fi dhaabbilee walitti hidhamuun cimanii hojjechuun yoo danda’an Itiyoophiyaan bara 2036tti Afriikarraa diinagdeen adda duree taati jechuun dubbataniiru.
Hojiin dameelee adda addaatiin hojjetamaa jiran yoo babal’atanii guddatan, namni hundi cimee yoo hojjete dhaloota seenaa hiyyummaa Itiyoophiyaa xumuru ta’uu dandeenya jedhan.
Miira wal tumsaa fi tokkummaan Itiyoophiyaa ceessisuuf tattaaffiin taassifamu akka qabu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Hoggantoonni olaanoon itti gaafatamummaa guddaa akka biyyaatti qaban bahachuun badhaadhina Itiyoophiyaa ceessisuuf ciminaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru.