Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti midhaan deeggarsa namoomaaf oolu kan hektaara kuma 1 fi 244 irratti misoome walitti qabamaa jira

Sadaasa 25/2018 (TOI)- Naannoo Gambeellaatti midhaan deeggarsa namoomaaf oolu kan bara oomishaa 2017/18 qonna gannaan lafa hektaara kuma 1 fi 244 tuqaa 5 irratti misoome walitti qabamaa jiraachuun ibsame.

Omisha walitti qabamaa jirurraamidhaan kuntaala kuma 10 fi 542 ol akka abdatamu kan dubbatan biiroo misooma qonnaa fi qabeenya uumamaa naannichaatti daarektarri ekisteenshin komunikeeshinii fi barreessaan addaa koree teekiniikaa inisheetiivii gargaaramuu jalaa bahu Geetaachoo Waldeeti.

Gama biraan misoomni jallisii bonee hawaasa hirmaachisuun raawwachuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Komishinii hoggansa hojii yaaddoo balaa naannoo Gaambeellaatti daarektarri deebii akeekkachiisa duraa Seeyifuu Waldee gamasaaniin, deeggarsa namoomaa naannichaaf barbaachisu ofiin guuttachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haala Kanaan, oomishuudhaan, bittaa fi hawaasarraa walitti qabuun bara 2017 midhaan kuntaala kuma 1 fi 590 ofeeggannoof man-kuusaa keessatti kuufamuu dubbataniiru.

Haala Kanaan naannichatti midhaan deeggarsa namoomaaf oolu bara oomisha gannaa 2017/18 kan misoome jiddu galarraa amma aanaatti walitti qabamaa akka jiru eeraniiru.

Gama biraatiin bara bajataa 2018 birrii miiliyoona 15 mootummaan naannichaa ramadeen midhaan nyaataa fi meeshaaleen garagaraa bituuf adeemsarra akka jiru beeksisaniiru.

Mankuusaan deeggarsa namoomaaf midhaan itti kuusuuf gargaaran tokkoon tokkoonsaanii kuntaala kuma 10 qabatan sadarkaa naannootti lama sadarkaa aanaatti shan jiraachuu TOI’f mirkaneessaniiru.

Mootumman naannichaa mankuusaa dabalataa tajaajila wal fakkaataaf oolu ijaaruuf birria miiliyoona 20 ramaduusaa himaiiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015