Kabajni guyyaa ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Uummatootaa tokkummaa sabaa cimsuun shoora olaanaa bahateera - ENA Afaan Oromoo
Kabajni guyyaa ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Uummatootaa tokkummaa sabaa cimsuun shoora olaanaa bahateera
Sadaasa 25/2018(TOI)- Kabajni guyyaa ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Uummatootaa tokkummaa sabootaa cimsuun shoora olaanaa bahachaa jiraachuu ibsame.
Sagantaan goolabaa guyyaa Saboota, sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa mata duree “Tokkummaa Biyyaalessaaf Waliigaltee Dimookiraatawaa” jedhuun akka naannootti magaalaa Hawaasaatti kabajameera.
Saganticha irratti kan argaman itti aantuu Afyaa’ii Mana Maree Federeeshinii Zahaaraa Humad akka jedhanitti, guyyaa kana ifatti kabajuun hubannoo aadaa babal’isuu fi walitti dhufeenya uummataa cimsuuf carraa kan uumedha.
Sanadni waadaa walqixxummaa saboota, sablammootaa fi uummatootaaf wabii ta’e, Heerri Mootummaa kan itti raggaasifame Sadaasa 29 ta’uu sababeeffachuun guyyaan kuni kabajamuu yaadachiisaniiru.
Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Sidaamaa aadde Fantaayee Kabbadaa akka jedhanitti, ayyaanni kuni adda kan isa taasisu, yeroo uummanni Itiyoophiyaa tokkummaanii fi kutannoon gara misooma gurguddaatti ce’aa jiru ta’uu isaa kaasaniiru.
Qabeenya naannicha keessatti argamu misoomsuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf tokkummaan biyyaalessaa eegamuu akka qabus eeraniiru.
Hirmaattota keessaa aayyaanichaa keessaa obbo Baashaa Gabbisaafi aadde Alam Tasfaayeen gama isaaniin akka jedhanitti,, ayyaanichi hubannoo aadaa uumuu fi tokkummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphateera.