Biyya guddoo Itiyoophiyaanota hundaaf qixxee taate ijaaruu keessatti gaheen saboota, sablammootaa fi ummatoota biyya kanaa murteessaa ta'uu hayyoonni Yunivarsiitii himan - ENA Afaan Oromoo
Biyya guddoo Itiyoophiyaanota hundaaf qixxee taate ijaaruu keessatti gaheen saboota, sablammootaa fi ummatoota biyya kanaa murteessaa ta'uu hayyoonni Yunivarsiitii himan
Sadaasa 25/2018(TOI)-Biyya guddoo Itiyoophiyaanota hundaaf qixxee taate ijaaruu keessatti gaheen saboota, sablammootaa fi ummatoota biyya kanaa murteessaa ta'uu hayyoonni Yunivarsiitii Madda walaabuu himan.
Yunivarsiitii Madda Walaabuutti guyyaan saboota, sablammootaa fi ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree "Waliigaltee dimokiraatawaa tokkummaa sabdaneessummaaf" jedhuun kabajamaa ooleera.
Sirna kabaja ayyaanichaarratti maanajmantii Yunivarsiitichaa dabalatee hawaasni Yunivarsiitii Madda Walaabuu fi barattoonni Yunivarsiitichas argamuun; guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa sirnoota garagaraatiin kabajaa oolaniiru.
Pirezadaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Doktar Birhaanemasqal Xannaa Yunivarsiitichi ergama akka biyyaatti itti kenname tajaajila baruuf barsiisuu, qo'annoof qorannoo tajaajila hawaasaaf ce'umsa teknolojii milkeessuun cinaatti ayyaanota gurguddoo hawaasa naannichaa waliin kabajuu keessattis gaheesaa adda durummaan bahachaa akka jiru dubbatan.
Hawaasni Yunivarsiitichaas yeroo ayyaana sabootaa, sablammootaa fi ummatoota biyya keenyaa kabaju; jaalala, tokkummaa fi aadaa waliin jireenya obbolummaa ummatoota biyya keenyaa calaqqisiisu cimsuun mul'ata biyyi keenya qabattee adeemaa jirtu Itoophiyaa guddoo lammiilee isheetiif qixxee taate itti fufsiisuu akka qaban dhaamaniiru.
Dhaloonni har'aa abdii hegeree biyya keenyaa ta'uuf deemtan jaalala, tokkummaa fi muxannoo hariiroo waliin jireenya obbolummaa mooraa Yunivarsiitichaa keessatti gonfattan kana itti fufsiisuun; sabaaf sablammoota biyya kanaa qixa tajaajiluu fi Itoophiyaa guddoo ijaaruu keessatti gahee keessan bahuuf of qopheessuu qabdan jechuun dhaamaniiru.
Tokkummaan sabdaneessummaa guddummaa fi Olka'iinsa Itiyoophiyaatiif murteessaa ta'uu kan himan Hayyoonni Yunivarsiitii Madda Walaabuu; Saboota, sablammootaa fi ummatoonni Itiyoophiyaa akkuma kaleessa irree gamtoomeen hidha haaromsaa guddicha biyya keenyaa xumuursisuun injifannoo Adwa 2ffaa galmeessanitti, dhimma ulaa galaanaa irrattis tokkummaan hirmaachuun guddummaa biyya keenyaa itti fufsiisuu akka qaban ibsaniiru.
Barattoonni Yunivarsiitichaa sagantaa kanarratti dubbisnes yaada kennaniin, Yunivarsiitiin Itiyoophiyaa xiqqo ta'uu himuun, muxannoo waliin jireenya obbolummaa mooraa Yunivarsiitichaa keessatti gonfattan kana iddoo hojittis itti fufsiisuun sabootaa, sablammoota biyya kanaa qixa tajaajiluuf qophii ta'uu himaniiru.