Tamsaasa Kallatti:

Waldaaleen Ogummaa Itiyoophiyaa milkaa’ina hojiilee komishinichaa hafaniif gahee isaanii bahachuu qabu- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa

Sadaasa 25/2018(TOI)- Waldaaleen Ogummaa Itiyoophiyaa milkaa’ina hojiilee marii komishinii biyyoolessaa hafaniif gahee isaanii cimsanii bahachuu qabu jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyoolessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan.

Komishinichi mata duree “Hirmaannaa Waldaalee Ogummaa Itiyoophiyaa Milkaa’ina Marii Biyyoolessaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti waltajjii marii gaggeessaa jira.


 

Piroofeesar Masfin Ara’aayaan akka jedhanitti, marichi hirmaachisaa fi hammataa akka ta’uuf komishinichi hirmaattota adda baasuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa turuu ibsaniiru.

Dhaabbileen amantaalee fi waldaalee siiviilii, namoonni bebbeekamoon, paartileen siyaasaa, mootummaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa karaa bakka bu’oota isaanii hirmaachuu himaniiru.


 

Komishinichi yaa’ii marii biyyoolessaa gaggeessuuf hojii irra caalaa xumuree kan jiru ta’uu eeruun, amma sadarkaa xumuraa irra gahee akka jirus dubbataniiru.

Rakkoolee Itiyoophiyaa keessa jiraniif furmaanni marii biyyoolessaa akka ta’e himuun, qaamoleen hundi ajandaa isaanii gara marii biyyaalessaatti fiduun hirmaachuu akka qaban dhaamaniiru.

Komishinichi hundeeffama isaarraa eegalee waldaalee garaagaraa waliin ta’uun hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu fi Waldaaleen Ogeeyyii Itiyoophiyaas milkaa’ina hojiilee komishinichaa hafaniif gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Akkasumas qaamolee milkaa’ina adeemsa marii biyyoolessaaf qooda isaanii bahachaa jiran galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015