Konkolaattonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Konkolaattonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Sadaasa 25/2018(TOI)-Konkolaattoonni elektirikaa fedhii geejjibaa ummataa guutuuf gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu Deetaan Ministira Ministiraa Geejjibaa fi walitti hidhaminsa riijinii obbo Bari’oo Hasan himan.
Mootummaan konkolaattoota elektirikaa babal’isuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira.
Deetaan Ministiraa kuniTOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa dandeettii teessumaa daangeffameen fedhii geejjibaa guutuun rakkisaa dha.
Haa ta’u malee, mootummaan dhiyeessii konkolaattotaa babal’isuun tajaajila geejjibaa hawaasni akka argatu hojjechaa jira jedhaniiru.
Konkolaattoonni elektirikaa faayidaalee olaanaa qabaachuu ibsuun, mootummaan biyya keessa bal’inaan galchuun tajaajila akka kennan gochuun xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan.
Mootummaanis hanqina geejibaa ummtaa furuuf konkolaattota elektirikaa babal’isaa jiraachuu eeraniiru.
Konkolaattonni geejjibaa ummataa 110, dhiheenya kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojiirra oolche ‘Veloosiitiin”, daandiiwwan hanqinni jiru 11 irratti bobbaasuun, kunis jijjiirama guddaa fideera jedhan.
Akkasumas, minibaasoonni elektirikaa 22 tajaajilaaf dhiyaachuun isaanii, konkolaattota ummataa gurguddaa,’veeloosiitii’ wajjin walsimsiisuun, fedhii geejjibaa guutuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.
Dhaabbileen konkolaattota elektirikaa fayyadamuun tajaajila taaksii kennan hundeeffamuu isaaniis eeruun; damee dhuunfaa waliin ta’uun tajaajilli geejjibaa dhaqqabamaa taasisuuf adeemsi akka jirus ibsaniiru.
Itiyoophiyaan erga konkolaattota elektirikaa hojiirra oolchuu eegaltee as sadarkaan amma irra geesse dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddisa jedhaniiru.
Konkolaattota dhuunfaa dabalatee konkolaattota ummataa gara konkolaattoota elektirikaatti jijjiiruun bu’aa gaarii fidaa jiraachuu deetaan ministiraa kun himaniiru.
Kunis faayidaa hawaas diinagdee olaanaa qabaachuu himaniiru.