Tamsaasa Kallatti:

Piriimiyer liigichatti Maanchister Yuunaayitid Weestihaam Yuunaayitid waliin taphata

Sadaasa25/2018(TOI)-   Piriimiyer Liigii  Ingiliz torban 14ffaa tapha xumuran  Maanchister Yuunaayitidii fi  Weestihaam Yuunaayitid  gidduutti  har’a  gaggeeffama. 

Taphichi galgala sa’aatii 5:00  Istaadiyeemii Oltiraafoorditti  gaggeeffama.

Abbaan Dirree Maanchisteer Yuunaayitid  qabxii 21n sadarkaa 9ffaa  irra  jira.

Morkataansaa  Weestihaam Yunaayitid qabxii 11n  sadarkaa 18ffaa qabachuun   sadarkaa   gadi bu’insaa keessa jira.

 Kilaboonni lameen pirimiyer liigichatti  kan walitti dhufan  kan ammaa  yeroo 67ffaa dha.

Taphoota ammaan dura 66 gaggeessaniin  yeroo 38 injifachuun olaantummaa  yoo  qabatu, Weestihaam Yuunaayitid  yeroo 13 injifateera.

Taphoota  hafan 15 qixaan adda  bahaniiru.  

Taphoota 66 irratti Maanchister Yuunaayitid galchii 88 yoo lakkoofsisu , Weestihaam  Yuunaayitid  gamasaan  galchii 53  lakkoofsiseera.

Taphoota liigichaa 10n  darban irratti Yeroo  walitti dhufanitti   Maanchisteer  Yuunaayitid  yeroo afur  Mo’eera,   Weestihaam Yuunaayitid immoo   yeroo  2 injifateera.

Yeroo afur immoo qabxii  qooddateera .

Maanchisteer Yuunaayitid tapha har’aa yoo injifate  carraa sadarkaasaa fooyyessuu  argata.

Faallaasaan Westihaam  Yuunaayitid  qabxii sadiin  sadarkaa  gadi bu’aa keessaa  akka ba’u  isa dandeessisa.

Andiriiwu  kiichin  kan umurii waggaa 29  taphicha abbaa murtii ta’uun gaggeessu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015