Tamsaasa Kallatti:

Piriimar Liigii Dubartootaatiin magaalaan Adaamaa magaalaa Bahaar Daar mo’ate

Sadaasa 25/2018(TOI)- Piriimar Liigii Dubartootaa Itiyoophiyaa sagantaa turban 10ffaatiin magaalaan Adaamaa magaalaa Bahaar galchii 3 fi 1’n Daar mo’ateera.

Tapha Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameen Missir Ibraahim galchii lama yoo galchitu Natsaannat Mannaa galchii tokko galchiteetti.

Warqinash Massalaa magaalaa Bahaar Daariif galchii tokko galchiteetti.

Magaalaan Adaamaa Liigichaan injifannoo afraffaagalmeessisuun qabxii 13’n sadarkaasaa saddettaffaarraa gara jahaffaatti guddifateera.

Magaalaan Bahaar Daar liigichaan si’a saddet mo’amee qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa qabatee sadarkaa gadi bu’aa keessatti argama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015