Naannoon Somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf humna horatamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoon Somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf humna horatamaa jira
Sadaasa 25/2018(TOI)-Naannoo somaaleetti Balaa uumamaa fi Nam-tolcheef deebii ariifataa kennuuf dandeettiin uumamaa jiraachuu Biiroon hoggansa hojii sodaa balaa Naannichaa ibse.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota Mootummaa olaanoof qajeelcha hojii kennaniin Omishtummaa guddisuun gargaaramuu hanbisuu jedhu milkeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu xiyyeeffannoo kennuunsaanii ni yaadatama.
Bu’uuruma Kanaan naannooleen hundi balaaf deebii ariifataa kennuuf humna dandeessisu gabbifachuu fi hojii qophaa’ummaa raawwachuurratti argamu.
Haaluma Kanaan qophaa’ummaa naannoo Somaalee jiru ilaalchisuun TOI’n Biiroo Hoggansa sodaa Balaa Naannichaa dubbiseera.
Biirichatti Daarektarri Akeekkachiisa duraa fi Deebii Mahaammuud Abdinuur ibsa kennaniin, nannichatti hirkattummaarra gara omishtummaatti ce’uun rakkooleef dandeettii ofiin deebii kennuuf dandeettii gabbifachaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannichatti Qonnaa fi hojii Misooma kanneen biroon qabeenyi dilbiin hin tuqamne jiraachuu kaasuun, omishtummaa guddisuun gargaaramummaarra bahuuf tattaaffiin taassifamaa jira jedhaniiru.
Kanaafis hojii misooma Bonee dabalatee misooma magaalotaa, Tuurizimii fi dameelee biroon hojiin hedduun raawwatamuu dubbataniiru.
Naannichatti omishtummaa guddisuunii fi humna qindaa’e uumuun balaa uumamaa fi namtolcheef deebii si’ataa kennuuf qophiin jiraachuu hubachiisaniiru.
Hojii kanaaf humna waloo Bulchaa Naannichaan gaggeeffamu hoggansa sodaa balaa fi deebii kennu hundaa’ee gara hojiitti galuu ibsaniiru.
Sadarkaa hundatti humna waloo Bulchiinsa balaa fi deebii kennuu hundeessuun furmaata bal’aa qorannoorratti hundaa’e ni argamsiisa jedhaniiru.
Bu’aa qabeessummaa Sodaa balaa fi deebiisaa sakatta’uuf balaawwan yeroo bonaas ta’e gannaa uumaman biirichi qorannoorratti hundaa’ee akka hojjetu eeraniiru.
Qoranichi haala jireenya hawaasaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, misooma beelladaa fi fayyummaasaanii, omishtummaa qonnaa fi dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa irratti xiyyeeffachuu dubbataniiru.
Hanqina bokkaa gannaan rakkoo mudateen omisha hir’ate bakka buusuuf filannoowan bishaanii fayyadamuun misoomni jallisii cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Horsiisee bulaan wabii nyaataa Misooma Beelladaa waliin kallattiin kan wal qabatu ta’uu dhiheessii bishaan dhugaatii beelladaa fi nyaata beelladaa kuusuuf xiyyeeffannoon kennamaa jira.
Akkasumas Horsiisee bulaan sababa hanqina bishaanii fi marga beelladasaaf barbaacha bakkaa bakkatti yeroo socho’u hawaasni aadaa waldeggarsaa akka cimsu xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota Mootummaa olaanoof kennaniin hojii misooma qonnaa babal’isuunii fi omisha fi omishtummaa guddisuun galma gargaaramuu keessaa bahuun, akkasumas, kallattii xiyyeeffannoo keessaa sadarkaa Aanaatti Man-kuusaa tokko Koriidara Aanaa baadiyaa tokko, Gidduugala eegumsa beelladaa tokko sadarkaa Godinaa fi Agiroo piroosasingii tokko sadarkaa naannootti akka hojjetamu keessatti argamu.