Godina Gujiitti Pirojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan ariitiin hojjetamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujiitti Pirojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan ariitiin hojjetamaa jiru
Sadaasa 25/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Pirojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan ariitiin hojjetamaa jirachuu waajjirri Maallaqaa godinichaa beeksise.
Akka itti gaafatamaan Waajjira Maallaqaa godina Gujii obbo Daadhii Kuraa jedhanitti, misoomni koriidaraa, jallisii, bishaan dhugaatii, dhaabbilee fayyaa fi ijaarsi daandii birrii biiliyoona 3 tuqaa 9 oliin godinicha keessatti hojjetamaa jira.
Godinicha aanaalee 13 keessatti pirojektoonni 392 hirmaannaa hawaasaa fi bajata mootummaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Haalli raawwii pirojektootaa godinicha keessatti hojjetamaa jiran dhibbentaa 32 ol xumuramaa jiraachuu eeruun, kanneen hafanis ariitiin xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Pirojektoonni kunneen yeroo xumuraman ummata kuma 400 ol fayyadamoo taasisuu danda’a jedhaniiru.
Godinichatti jiraataa aanaa Adoolaa Reeddee ganda Gunaacoo kan ta’an obbo Efireem Bayyanaa pirojektoonni misoomaa naannichatti hojjetamaa jiran gaaffii hawaasaa kan deebisan ta’uu eeruun, hojiin isaanii ariitiin akka xumuramuuf gama isaaniin tumsa barbaachisu akka taasisan himaniiru.
Misooma naannoo isaaniitti hojjetamaa jiran mootummaa cinaa dhaabbachuun, ijaarsa manneen barnootaa fi ijaarsa dhaabbilee misoomaa biroo irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.
Ijaarsa pirojektoota misoomaa naannoo isaaniitti hojjetamaa jiran ariitiin akka xumuramaniif hundi isaanii gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Jiraataama ganda kanaa kan ta’an obbo Abbabaa Rattaa gama isaaniitiin, mootummaan rakkoolee hawaasummaa furuuf waadaa gale galmaan ga’uuf hojiileen ijaarsa misoomaa amma eegaalaman kunniin qabatamaan agarsiiftuudha jedhaniiru.
Sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun, daree barnootaa ijaaruun dhaqqabamummaa barnootaa babal’isuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu eeraniiru.
Pirojektoonni mootummaan hojjechiisa jiru bishaan dhugaatii, buufataalee fayyaa, bu’uuraalee misooma daandii fi jallisiin pirojektoota rakkoo hawaasaa furan ta’uus eeraniiru.