Nageenyi fulla’aan akka bu’uuf hirmaannaa keenya cimsinee itti fufna – Jiraattotaa Magaalaa Gondor - ENA Afaan Oromoo
Nageenyi fulla’aan akka bu’uuf hirmaannaa keenya cimsinee itti fufna – Jiraattotaa Magaalaa Gondor
Sadaasa25/2018(TOI)-Nageenya fulla’aan akka bu’uu deeggaruun hirmaannaasaanii cimsanii akka itti fufan jiraattonni Magaalaa Gondor ibsan.
Hiriirri ummataa waamicha nagaa Bulchiimsa Magaalaa Gondorii fi yaa’ii dhaabbilee Amantaa Gidduugalaa Gondina Gondoriin qophaa’e magaala Gondoritti gaggeeffamaa jira.
Jaarsolii biyyaa fi Abbootii Amantaa dabalatee jirattonni biroon hiriira deeggarsaarratti hirmaataniiru.
Hirmaattonni Magaalichaa hiriira deeggarsaa irratti argaman ergaawwan adda addaa nageenyi fulla’aan akka bu’u dabarsuu fi deeggaruun hirmaannaasaanii akka cimsan, nageenya lallabuusaanii akka itti fufan dabarsaniiru.
Ergaawwan dabarsa keessaas manneen Amantaa nageenya buusuun hojiisaanii isa jalqabaati, Nagaa fi Aadaa wal-kabajuu itti fufsiisuuf shoorri dhaabbilee amantaa olaanaadha, duudhaaleen Amantaa keenyaa bu’uura waloomaa fi cimina keenyaati kan jedhan keessatti argamu.