Miidiyaalee Afrikaa keessatti hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jira - Gamtaa Afrikaa - ENA Afaan Oromoo
Miidiyaalee Afrikaa keessatti hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jira - Gamtaa Afrikaa
Sadaasa 25/2018 (TOI)- Miidiyaalee Afrikaa keessatti hirmaannaa fi nageenya dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Gamtaan Afrikaa ibseera.
Konfiraansiin dubartoota damee miidiyaa Afrikaa keessatti hojjetan ilaachisee har'a magaalaa Finfinneetti eegalameera.
“Waadaa gara hojiitti jijjiiruu; imaammata nageenya miidiyaa fi walqixxummaa koorniyaa mirkaneessu bocuu fi hojiirra oolchuu” kan jedhu mata duree konfiraansichaati.
Konfiraansii kana irratti kan hirmaatan, gaazexeessitoota biyyoota Afrikaa hunda irraa walitti dhufan, imaammata baastotaa fi to’attoota miidiyaa, dhaabbilee hawaasa siivilii, ogeeyyii teeknooloojii fi hayyoota dha.
Imaammataa fi bu’uuraalee seeraa haala miidiyaa nageenya qabuu fi hunda hammate uumuuf dandeessisan cimsuun ajandaa ijoo walgahii kanaati.
Odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Gamtaa Afrikaa irraa argate akka agarsiisutti, keessumaa dhaabbilee miidiyaa dubartoonni keessa hojjetan keessatti bakka bu’ummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf haalonni dandeessisan akkamitti hojiirra oolchuu akka qaban irratti mariin akka gaggeeffamudha.
Xiyyeeffannoon kan biroo gahee teeknooloojiin, hubannoon namtolchee fi filmaanniwwan dijitaalaa seenessa waloo walqixxummaa bocuun danda’amurratti kan jedhu dha.
Akkasumas Ibsi Imaammata Miidiyaa Dubartoota Afrikaa haaraan akka bahuu fi gareen dhimmoota ejjennoo waloo irratti argaman hojiirra oolmaa isaanii hordofan akka hundeeffamu ibsameera.
Konfiraansiin kun yaada imaammataa bu’uuraaf galtee kan ta’u, itti gaafatamummaa kan babal’isu, akkasumas qooda fudhattoota gidduutti tumsa hariiroo cimaa kan uumu ta’uu eerameera.
Sagantaan kun hirmaannaa fi dhiibbaa uumuun dubartootaa fi dargaggootaa miidiyaalee Afrikaa keessatti qaban guddisuuf taasifamu ta’uu kan beeksise yoo ta’u, konfiraansichi hanga guyyaa boruutti kan itti fufu ta’uu Gamtichi ibseera.