Tamsaasa Kallatti:

IGAD fi UN Nagaa fi Tasgabbii Riijiniif tumsa qaban cimsuuf ejjannoo waloo  ibsan 

Sadaasa 25/2018(TOI)-IGAD fi dhaabbanni  mootummoota Gamtoomanii  (UN) riijinichatti nagaa fi tasgabbii fulla’aa mirkaneessuuf hojiisaanii daran qindeessuun akka  hojjetan beeksisan.   
Barreessaa Olaanaan IGAD Dr.Warqinaa Gabayyoo  Ergamaa addaa Gaanfa Afriikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii  Guwaang Koong waliin Finfinneetti Marii’ataniiru.  
Mariiin kun IGAD fi UN dhimma Nagaa fi tasgabbii fi Namoomaarratti  tumsa isaanii cimsuu danda’anirratti  kan xiyyeeffatedha.
 IGAD, Gamtaan Afriikaa fi  UN riijinii tasgabbaa’eef  sochii qindoominaa sadii hordofuuf  ejjennoo waloo ibsaniiru.  
IGAD  Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani dabalatee Deeggartootasaa hunda waliin  ta’uun Gaanfa Afriikaa  Nagaa fi tasgabbiinshee mirkanaa’ee uumuuf  kutannoon  akka hojjetan ibsuusaanii  TOI Odeeffannoo Sakretariyaatii IGAD irraa aragate  ni mul’isa.    
IGAD fi UN  tumsa waloo kan hundeessan  A.L.A bara 2015 ta’uu  odeffannon ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015