Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessaa olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa mootummoota gamtoomanii Kilaaner Gateetee waliin mari’atan.

Sadaasa 25/2018(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessaa olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa mootummoota gamtoomanii Kilaaner Gateetee waliin mari’ataniiru.

Ministirri muummee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin, A.L.A bara 2027 Afriikaa haalaa kan bakka bu’u COP 32 gama qopheessuutiin waloon hojjechuu haala dandeenyurratti mari’anneerra jedhaniiru.

Komishiniin dinagdee Afriikaa mootummoota gamtoomanii akkasumas barreessaan olaanaa kun gareesaanii waliin ta’uun COP 32 akka milkaa’u gumaacha olaanaa akka gumaachan nan amana jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015