Tamsaasa Kallatti:

Muudamni ministira qonnaa, ministira nageenyaa fi hojii raawwachiisaa olaanaa ‘EBC’ ragga’e

Sadaasa 25/2018(TOI)-Muudamni ministira qonnaa Addisuu Araggaa, ministira nageenyaa Mahaammad Idriis fi hojii raawwachiisaa olaanaa ‘EBC’ Biiniyaam Eeroo ragga’eera.


 

Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa walgahii idilee 3ffaa gaggeessaa jira.


 

Manni marichaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan muudaman muudama ministira qonnaa Addisuu Araggaa fi ministira nageenyaa Mahaammad Idriis raggaaseera.

Dabalataanis hojii raawwachiisaa ‘EBC’ ta’uun ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan ramadaman muudama Biiniyaam Eeroo raggaaseera.

Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa, ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis hojii raawwachiisaan olaanaa ‘EBC’ Biiniyaam Eeroo mana maree duratti waadaa galaniiru.


 

Manni marichaa walgahii idilee Kanaan Labsii labsii filannoo Itiyoophiyaa, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo lakk. Labsii 1162/2011 fooyyessuuf bahe sagalee guutuun raggaaseera.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015