Tamsaasa Kallatti:

Naannichi dandeettii ofiitiin deeggarsa namoomaa taasisuuf gahumsa horachaa jira

Sadaasa 25/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uun dandeettii gargaarsa namoomaa ofumaan taasisuuf gahumsa dandeessisu horachaa jiraachuu Buusaan Gonofaa naannichaa ibseera.

Naannoolee hundatti qabeenya uumamaa misoomsuun, oomishaafi oomishtummaa guddisuun hirkattummaa irra aanuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Dhimma kana irratti turtii TOI waliin kan taasisan itti aanaa Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaa obbo Tafarii Bayyanaa akka naannoo Oromiyaatti rakkoolee uumamaas ta’e nam-tolchee mudachuu malan damdamachuufis ta’e ariitiin furmaata kennuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan waggoota muraasa darbanitti Buusaa Gonofaan Oromiyaa miseensota miiliyoona 28tti guddachuun, miseensota isaa irraa buusii miseensummaa waggaa birrii biiliyoona 3 walitti qabuu dandaheera jedhan.

Waggaatti hanga birrii biiliyoona 2 uummata irraa kan arjoomamu ta’uu eeruun, kanaanis nyaata barattootaa guutummaan guutuutti danda’uu, hanga ammaatti barattoota miliyoona 7 ol manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa naannichaa fayyadamoo taasisuu himaniiru.

Buusaa Gonofaan rakkoolee mudatan dandamachuuf hojiilee misooma qonnaa adda addaa irratti bobba’aa jiraachuu eeruun, keessumaa mooraa manneen barnootaa keessatti misoomni qonnaa adda addaa bal’inaan oomishamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bara kana lafa qonnaa heektaara kuma 17 ol irraa oomishni kuntaala kuma 500 akka eegamu eeruun, Buusaa Gonofaan naannichaa godina Baalee, Baalee Bahaa, Wallaggaa Bahaa, Jimmaa fi Buunnoo Baddallee keessatti dandeettii mataa isaatiin boqqolloo, qamadii, ruuzii fi atoo boonsituu heektaara kuma 3 misoomsuu isaa ibsaniiru.

Lafti godinootaafi aanaalee heektaara kuma 4 ol midhaan adda addaatiin kan uwwiffame ta’uu eeruun, tattaaffii naannichi gahumsa ofiin rakkoolee mudatan furuuf taasisaa jiru cimee itti fufaa akka jiru himaniiru.

Muummeen Ministiraa doktar Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaatiif kennan irratti, hojii misooma qonnaa babal’isuun oomishtummaa guddisuun karoora hirkattummaa irra aanuu galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamuu akka qabu cimsanii ibsuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015