Invastimantii qulqullina qabu hawachuuf hojii hojjetameen milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Invastimantii qulqullina qabu hawachuuf hojii hojjetameen milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru
Sadaasa 25/2018(TOI)-Bara Baajataa kana ji’oottan darban keessatti haala invastimantii iftoomina qabu umuun invastimantii qulqullina qabu hawwachuuf hojii hojjetame keessatti milkaa’inni hedduun galmaa’uun ibsameera.
Komishinarri komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr.Zallaqaa Tamasgeen TOI’f akka ibsanitti, Bu’aa Fooyya’insi Diinagdee argamsiisee fi dhaabbanni keenya haala invastimantii mijataa uumeen invastimantii qulqullina qabu hawachuuf hojiiwwan hojjetamaniin milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru jedhaniiru.
Kanaanis bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaan Invastimantii Alaa kallattiin doolaara Miiliyoona 961 ol hawwachuu danda’uu mirkaneessaniiru.
Galiin Al-ergii doolaara miiliyoona 49 ol Invastimantoota Zoonii Diinagdee addaa keessatti argamuun akka argame eeraniiru.
Komishinichi kurmana waggaatti eeyyama invastimantii 123 kennuusaa ibsuun, dureeyyii Alaa eeyyamni kennameef keessaa 34 daladala AL-ergii fi alaa galu yeroo dhihoo baname irratti kan bobba’an ta’uu dubbataniiru.
Invataroota damee Qonnaa, Manufaakcharingii, Albuuda, Turiizimii fi TQO irratti onnachiiftuu Invastimantii kennamaa jiraachuu eeraniiru.
Dabalataanis dureeyyiin Itiyoophiyaa keessatti Daldala Al-ergii fi Alaagalu dabalatee damee faayinaansii fi sektaroota adda addaan invasti akka godhan hojjetamaa jiraachuu komishinarichi hubachiisaniiru.
Waliigala Invastimantii alaa kallattiin hawachuu, Oomisha Al-ergii, Carraa hojii uumuu , pirojektoota haayyama qaban gara omishaatti jijiiruu, kenninsa tajaajilaa gahumsa qabuun hojiiwwan hedduu hojiirra oolchuurratti milkaa’ina argachuu ibsaniiru.
Komishinichi milkaa’inoota argaman itti fufsiisuu fi hanqinoota mudataniif furmaata kennuun guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaatiif gumaacha isaarraa eegamu cimsee akka itti fufu mirkaneesseera.