Karaa dhibeen Vaayirasii marbargi itti darbuu fi mala ittisaa - ENA Afaan Oromoo
Karaa dhibeen Vaayirasii marbargi itti darbuu fi mala ittisaa
📌 Dhibeen vaayirasii Maarbargi maalidha?
👉 Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhibee weeraraan mudachuu danda’uufi dhibee dhiigni dhangala’uun kan mudatu ta’ee qamni baay’ee ho’u dha.
👉 Dhala namaa, beeyladootaafi lubbu qabeeyyii biroorrattis mudachuu mala
📌 Mallattooleen dhibee vaayirasii Maarbargi maali?
👉 Afaan,funyaan ykn gogaa keessaa dhiigni dhangala’uu
👉 Ho’ina qaamaa olaanaa,qorrisiisuufi mataa boohuu
👉 Dhukkubbii maashaaleefi dugdaa
👉 Olguuruu, dhukkubbii garaafi garaa kaasaa
👉 Laphee, dugdaafi garaa irratti dhidhiitoo sirriitti mul’atu
👉 Vaayirasichaan erga qabamanii guyyoota 2 hanga 9 gidduutti mallattooleen dhibichaa mul’achuu eegalu
📌 Dhibeen Maarbargi karaa akkamiin daddarba?
👉 Namoota dhibee vaayirasichaan qabaman dhiiga, fincaan,imimmaaniifi dhangala’oo biroo waliin tuttuqqaa kallattii taasisuun
👉 Nama dhibee kanaan qabamee ykn lubbuun darbe dhangala’oo qaamaan meeshaalee faalaman waliin tuttuqqaa qabaachuu
👉 Simbira halkanii dhibee vaayirasichaan qabamaniin daddarbuu danda’a
📌 Dhibee vaayirasii Maarbargi akkamiin ittisuun danda’ama?
👉 Mallattoolee dhibee kanaa yeroo argan mana yaalaa deemuu
👉 Nama dhibee sanaan qabame waliin tuttuqqaafi ho’I qaamaa yoo jiraate dafanii mana yaalaa dhaquu
👉 Namni dhibee Maarbargiin yoo lubbuun darbe, reeffa sana ogeessa fayyaan awwaalchisuudha malee ofii tuttuquun barbaachisaa miti
👉 Nama dhibee sanaan qabame dhiigaafi dhangala’oo isaa irraa of eeguu
👉 Nama dhukkuba Maarbargiin qabameef kunuunsa gaafa goonu, of eeggannoo barbaachisu gochuun barbaachisaadha. Haguuggii funyaaniifi afaanii ykn maaskii kaawwachuu, harka ofiitti immoo golga harkaa godhachuun barbaachisaadha.