Bulchiinsi Magaalichaa rakkoo mana jireenyaa furuuf teeknooloojiiwwan ijaarsaa ammayyaa fayyadamuun hojjechaa jira - Kantiibaa Adaanach Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsi Magaalichaa rakkoo mana jireenyaa furuuf teeknooloojiiwwan ijaarsaa ammayyaa fayyadamuun hojjechaa jira - Kantiibaa Adaanach Abeebee
Sadaasa 25/2018(TOI)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee rakkoo mana jireenyaa furuuf teeknooloojiiwwan ijaarsaa ammayyaa fayyadamuun hojjechaa jiraachuu himani kantiibaan magaalichaa aadde Adaanach Abeebeen.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanch Abeebee ijaarsa manneen waliin jireenyaa kuma 26 marsaa jalqabaa Laaftoo Saayitiitti walta’insa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan ijaaramuuf jedhu eegalchiisaniiru. Qondaaltonni olaanoo bulchiinsa magaalattiis saganticha irratti argamaniiru.
Sagantaa jalqabsiisa manneen waliin jirreenyaa kana irratti haasaa taasisanin, aadde Adaanach Abeebeen bulchiinsi magaalichaa rakkoo mana jreenyaa hawaasa mudatu furuuf kutannoon hojjechaa jira.
Rakkoo mana jireenyaa, jiraattotaaf dhimma ijoo ta’e furuuf sagantaalee misooma mana jireenyaa adda addaa hojiirra oolchaa akka jiran himaniiru.
Ijaarsi manneen waliin jireenyaa har’a ifatti eegalame kun akka biyyaattis ta’e, akka magaalaattis teeknooloojii haaraa fi isa jalqabaa kan fayyadamu ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi kun yeroo gabaabaa keessatti sibiila gaalvaanaayizdii fayyadamuun, walitti qabsiisuun manneen waliin jireenyaa hanga abbaa darbii 12 kan gahu akka hojjetamu beeksisaniiru.
Warshaan kun humna guutuun yeroo hojiitti galu, waggaatti manneen kuma 26 hojjechuu akka danda’u ibsaniiru.
Manneen kunneen mana jireenyaa kanaan dura ijaaraman caalaa umurii baay’ee fooyya’aa akka qabaatan kan ibsan yoo ta’u, kunis fedhii mana jireenyaa jiraattota magaalattii guutuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Dabalataan, warshaan kun mana jireenyaa hawaasaaf akka humna isaaniitti mana qulqullina olaanaadhaanii fi saffisaan ijaaruun lammiileef kan dhiyeesssu ta’uu eeruun,yeroo ijaarsi isaa eegalamus carraa hojii lammiilee hedduuf kan banu ta’uu himaniiru.