Tamsaasa Kallatti:

Sochiin Marii dhiibuun ilaalcha koloneeffataa tarkaanfachiisuuf Gibxi itti jirtu haala yeroorraa kan fagaatedha-Ministeera dhimma alaa

Sadaasa 24/2018(TOI)- Sochiin anga’oota mootummaa Gibxi Marii hidha haaromsaa ilaalchisuun taasifaman dhiibuun ilaalcha koloneeffataa tarkaanfachiisuuf irra deddeebi’uun itti jirtu haqa jaarraa 21ffaa waliin kan hin deemnedha jechuun ministeerri dhimma alaa beeksise.

Ministeerri dhimma alaa ibsa baaseen yaaliin mootummaan Gibxi laga Abbairratti olaantummaa bara koloneeffataa eegsisuuf irra deddeebi’ee taasisu yeroo kan hin madaalledha jechuun balaaleffateera.

Itiyoophiyaan biyyoota yaa’a lagichaa waliin misoomuuf yoomiyyuu kutannoo akka qabdu ministeerichi ibsee, Ashaaraa fi seenaa Paan Afriikaa bara dheeraa kan qabdu itiyoophiyaan yaadamoota koloneeffataa durii gonkumaa hin fudhattu jedheera.

Itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa, sababa qabeessaa fi walqixxummaarratti bu’uureffate hundaa’e yaad rime seera idil addunyaa ta’uu himee, Itiyoophiyaanis qabeenyashee fayyadamuuf  qama kamirraayyuu eyyama gaafachuun irraa hin eegamu jechuun ibseera.

Gibxi marii gamlamee cinaatti dhiisuun karaa kallattiis ta’e alkallattii maqaa balleessiin Itiyoophiyaarratti tamsaastu fudhatama hin qabu jedheera.

Hawaasni idil addunyaa tuttuqaa Gibxi akka balaaleffatu ministeerichi gaafateera.

Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee pirojektoonni misoomaa Itiyoophiyaa ofdanda’uu Afriikaa kan agarsiisan akka ta’e beeksiseera.

Itiyoophiyaan yaadota furmaataa tumsaa fi hunda fayyadaniif kutannoon akka hojjettu ibsa Kanaan eerameera.

Itiyoophiyaan mirga laga Abbaayi dhaloota amma jiruu fi dhaloota boruuf fayyadamuuf qabdutti fayyadamuu cimsitee akka itti fuftu ministeerichi hubachiiseera.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015